Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa bulchiinsa magaalaa Dheeraa keessatti caasaan bilxiginnaa uummataan eegumsa halkanii gochuu diddan jechuun maallaqa adabaa jiru 

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2023

Murni faashistii PP qabsoo uummata Oromoo balleessuu yoo dadhabe laaffisuu karoorfatee hojjechaa jiru, caasaalee waraana isaa rippaabilikaan gaardii hanga gaachana sirnaa jedhutti duula jabaa geggeessee milkaa’uu dhabus, abdii kutachuu dadhabuun uummata harka qullaa sakattaa WBO jechuun bobba’uu fi eegumsa galgalaa akka ba’an gochuu irratti hojjechuun uummata hirmaattota waraanaa gochuuf yaalii murnichi taasisu cimee jira.

Haaluma kanaan gocha magaalota  Adaamaa, Finfinnee fi kan biroo keessatti raawwachaa ture, gara godina Arsii bahaa magaalaa Dheeraatti fiduun, hawaasni dirqamaan akka magaalaa eegaa bulu taasisu.

Namoota eegumsa kana irratti hin hirmaanne maallaqa kan adaban yoo ta’u, nama tokko haala qabeenya isaa ilaaluun qarshii 200 hanga 500tti adabuun ittiin dhugaa fi nyaachaa akka jiran maddeen himan.

Impaayera qawwee kilaashii Turkii hanga dirooniitti fayyadamuun qabsoo uummata Oromoo ukkaamsuu dadhabde, uummataa fi uummata wal dura dhaabuun sa’a akkasii maaliif deemta, ol galii fi mana kee eenyutu buleen rakkoo dhalchanii gadaa aangoo isaanii dheereffachuuf yaalanis haalli kun isaan tursuu mitii hanga irra jiraaniifuu nagaa akka hin laanneef haalli impaayerattiin keessa jirtu ragaa dha.

Exit mobile version