Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo keessatti halkan eegumsa ba’aa jechuunii fi maallaqa raayyaa ittisa impaayerattii kaffalaa jechuun uummata dararaa jiraachuun barame

ONM-ABO Hagayya 7, 2023 

Murni faashistii PP lola impaayerattii keessatti jabaatee fi sodaa aangoo irraa na kuffisuufi jedhuun waraana hedduu leenjisee qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun cinaatti uummatni eegumsa akka ba’u taasisaa jiru.

Godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo magaalaa Kaataar Gannat keessatti Jimaata darbe Hagayya 4, 2023 caasaan murna bilxiginnaa WBOtu magaalicha seenuuf jechuun loltoota isaanii qubsiisuun gabaa erga jeeqaniin booda, uummata walitti qabuun ganda gandaan namootni 75 naannoo isaa halkan guutuu dirqamaan eegaa akka bulan taasisaa jiru.

Uummatni magaalaa Kaataar Gannat nuti hawaasa meesha maleeyyii dha, akkamiin qaama hidhatee magaalaa dhufu, eegna jedhanis ijoollee keessani waan ta’eef yoo isin ajjeesanis dhimma keessani jechuun hawaasa mormii kaase irratti reebichaa fi doorsisa geggeessanii jiru.

Oduu biraatiin ammoo anuma Xiyyoo gandoota cufa irratti deggersa raayyaa ittisa impaayerattii jechuun qarshii 50,000 itti ramaduun irraa funaanaa kan jiran yoo ta’u, ganda Murtichaa Qobboo keessatti ammoo waajjira bulchiinsa gandaatu gubate jechuun qarshii 45,000 dabalataan irraa fuuchuun barameera.

Oromiyaa keessatti yeroo lola Tigraayis lukkuu hanga lubbuu jechuun hawaasa Oromoo irraa maallaqa, sangoota gabbatoo, daakuu fi buddeen goggogaan osoo hin hafin guuraa turuun ni yaadatama.

Exit mobile version