ONM-ABO Caamsaa 16, 2023
Kaabinootni biltsiginnaa sadoo dhuunfaa isaaniif jecha sirna abbaa irree jala daaddisuun bara dhufee darbaa maal na dhibdeedhaan uummata isaanii hiraarsan, ajandaa yeroo yerootti hooggantootni isaanii itti kennan galmaan ga’uuf hawaasatti rakkoo uumaa jiru.
Oduma kanaan wal qabatuunis Arsii bahaa aanaa Xiyyoo magaalaa Kaataar Gannat keessatti doorsisi kantiibaa magaalittiin irra ga’aa jiraachuu kan dubbatan jiraattotni, walga’ii walitti fufiinsaan Caamsaa 14 fi 15, 2023 uummata yaasanii teessisaniin seelii WBO isin keessa jiru saaxilaa nuuf kennaa ni ajjeefnaa, nama ajjeefnu maqaa nuuf hin laattan taanaan isin keessaa namni tokko du’uun dirqama jechuun nutti dhaadataa tures jedhan.
Kantiibaan magaalattii nama Dhaabii Waataa jedhamu yoo ta’u, magaalaa Asallaa kan jiraatuu fi ganama ganama achi irraa gara magaalattii kan deemu ta’uu kan himan jiraattotni, namni kun kanaan dura Harargee keessatti nama hedduu ajjeesisaa turuun amma ammoo magaalaa Kaataar Gannat irratti mudamuun dhiiga namoota hedduu dhangalaasisuuf sagantaa baafatee dhufe jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

