Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo keessaa dabballootni PP magaalaa fi baadiyyaa irraa uummata saamuun magaalaa Asallaatti galaa jiraachuun barame

ONM-ABO Caamsaa 12, 2023

Gareen saamichaan of ijaaruuf qindaa’e bilxiginnaan ilmaan Oromoo qaala’iinsi jireenyaa fi hongeen miidhe, jireenya tasgabba’aa akka jiraataniif tarsiimoo misoomawoo qindeessee uummata jireenyaan gadi dhaabuu irraa caasaa waraanaa fi siyaasa isaan saamicha irratti geggeessaa jira.

Godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo gandoota baadiyyaa fi magaalaa Kaataar Gannat keessaa caasaan bilxiginnaa maqaa deggersaa fi seelii Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun maallaqa qonnaan bulaa irraa funaannachuun magaalaa Asallaatti galanii jiru.

Abbootii qabeenyaa hidhuun maallaqa hanga 50,000tti kafalchiisuun gadhiisaa kan turanii fi qabeenya maatii qabsaa’otaa akkasumas deggertoota WBO jechuunis fe’atanii gurgurachaa turan.

Caasaa bilxiginnaa maallaqa uummataa saamanii badan keessaa waajjirri nageenyaa fi bulchiinsa magaalaa Kaataar Gannat keessatti kan argamu yoo ta’u, kantiibaan magaalichaa erga deemee osoo hin deebi’in baatii 2 guuchuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version