Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo keessatti waraanni faashistii PP namoota dararaa jiraachuun barame

ONM-ABO Hagayya 21, 2023

Gareen maafi’aa PP gadaa aangoo isaa dheereffachuuf ilmaan Oromoo badii tokko osoo hin raawwatin dararaa jiru.

Dararaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu hammachuun godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo magaalotaa fi baadiyyaa aanichaa keessatti ergamtootni Abiy Ahimed uummata irraa maallaqa guuruu, waltajjiin namoota dararuu fi hidhaa jiraachuun barameera.

Keessaayuu magaalaa Kaataar Gannat keessatti guyyaa gabaa Jimaataa eeggachuun namoota baadiyyaa irraa dhufan doorsisaa fi maallaqa isaanii saamu.

Dukkaana irra deemuun abbootii dukkaanaan maallaqa kaffalaa jechuun irraa kan fuudhan yoo ta’u, warreen didan ammoo reebicha irratti raawwachuun hidhaa turuu namoota qoricha farra aramaa gurguran irratti gocha raawwate ragaa gochuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Exit mobile version