Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee fi Arsii bahaa aanaa Xiyyoo keessatti hidhaan waraana faashistii PP’n hammaate

ONM-ABO Hagayya 29,2023

Hagayya 27, 2023 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda 06 bakka Wadaaddar jedhamu keessaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun uummata nagaa qabanii reebaa fi hidhaa turan.

Namoota badii tokko malee hidhaman keessaa muraasni Mahaammad Yaasin Ibraahim, Muntahaa Umar Ahimed  daa’imman ishee 2 wajjin, Mardiyaa Mahaammad Alii, Huseen Abbaa Hasan, Mahaammad Umar, Huseen Ahimed, Ahimed Ibraahimee, Aliyyii Ibraahimee obbolaa lamaan yoo ta’an, kana malees Hasan Usulmaanoo, Shawaa Hasan, Mahaammad Huseen, Huseen Mahaammad akkasumas caasaan bilxiginnaa osoo hin hafne namoota hedduu hidhanii dararaa  jiraachuun barameera.

Oduuma hidhaan wal qabatuun Jimaata darbe Hagayya 25, 2023 godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo magaalaa fi baadiyyaa ishee dabalatee hidhaa namoota nagaa irratti hammeessanii jiru.

Namootni aanaa Xiyyoo magaalaa Kaataar Gannat, ganda Qotee Bulaa fi Murtichaa Qobboo irraa  mana hidhaa magaalaa Kaataar Gannatii fi kilaastera baadiyyaa irratti hidhamanii jiran, Mahaammad Haji Andulqaadir, Aabboo Ibraahim fi Abdullaayi  Ibraahim magaalaa irraa Garbii Gabii fi namoota 10 biroo Murtichaa Qobboo irraa hidhanii dararaa jiru.

Kana malees obbo Aabbuu Haji Ahimediin ilma keetu WBOtti makame jechuun rakkisaa kan jiran yoo ta’u, ganda Qotee Bulaa fi Murtichaa Qobboo keessatti sakatta’iinsa geggeessina jechuun waraana mana barumsaa keessa qubsiisuun waltajjii fi nyaataan akkasumas hojii kashalabbummaan dararaa akka jiran odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version