ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025
Ergamtootni murna Bilxiginnaa aanaa Harxummaa Fursee bakka Uranee Caffaatti baatii Amajjjii keessa namoota WBO loluu diddan jechuun manneen jalaa gubanii barbadeessan Gurraandhala 10, 2025 galgala mana isaaniitti marsanii buluun ganama Gurraandhala 11, 2025 Isuzu tokkoon fe’anii deemaniiru.
Namoota ukkaamfaman keessaa muraasni dhalattoota aanichaa ganda Qorii kan ta’an yok ta’u, maqaan isaaniis:
- Obbo Muusawwoo,
- Ahimed Diimaa,
- Aliyyii Umar Muusaa,
- Bushuraa Shaambal,
- Umaroo Ammad Aliyyii,
- Umar Dooyyoo,
- Umar Mahammad Usumaanuu,
- Ammooyyaa Hasan Adam,
- Umar Jiloo,
- Umar Shorris,
- Adam Huseen Gulbaa,
- Umar Alii,
- Ahimed Huseen,
- Huseen Mahaammad,
- Hasan Mahaammad,
- Mahaammad Usmaan,
- Yaayyoo Ahimed,
- Mahaammad Umar Hasan,
- Alii Mootii,
- Hasan Sheek Muhee,
- Hasan Ammad Haajii,
- Alii Halaqaa,
- Datoo Mahammad Usmaan,
- Moommadii Qaallichaa,
- Ahimed Sulxaanii fi
- Mahammad Arabuu
namoota jedhaman magaalaa Caffaa Roobit keessatti bilbilaa fi meeshaa irraa guurrachuun ukkaamsaniiru.
Sababa namoonni ukkaamfamaa jiraniif jiraattotni aanaa Harxummaa Fursee bakka Uranee Caffaa qe’ee fi qabeenyaa isaanii dhiisanii baqachaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.

