Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin namoonni nagaan ajjeefamuun, manneen jiraattotaas gubachuun barbadaa’e 

ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025 

Aanaa Harxummaa Fursee ganda Cirriitti Gurraandhala 18, 2025 milishoonni sirnichaa dargaggoo Ammad Faaris jedhamu kan reefuu bultii ijaarrate badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan.

Yeroodhuma wal fakkaataatti Gurraandhala 18, 2025 aanaadhuma Harxummaa Fursee Qorii ganda Abbaayyootti manneen hawaasaa hidhattoota sirnichaan kan gubate yoo ta’u, namoota manneen isaanii gubate keessaa kanneen maqaan nu ga’e:

  1. Obbo Mohaammad Quufaa fi ilma isaa 
  2. Ahimed Mahaammad Quufaa jalaa mana 2, 
  3. Obbo Ammad Guddalee, ilmaan isaa  
  4. Hasan Ammad Guddalee fi
  5. Husseeyya Ammad Guddalee jalaa mana 3,
  6. Obbo Seekkee Sayid fi ilma isaa 
  7. Mahaammad Seekkee jalaa mana 2 fi 
  8. Obbo Adam Aliyyii jalaa mana tokko yoo guban, 

kaleessa Gurraandhala 19 ammoo aanichuma ganda Qileetti mana: 

  1. Obbo Umar Adam Moorkee jedhamuu fi 

kan namoota ammaaf maqaan isaanii adda hin baanee hedduu gubuun beekameera.

Exit mobile version