Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattoota murna Bilxiginnaan gubaatiin manneenii, reebichaa fi gudeeddiin hawwan irratti raawwatamu cimee itti fufe 

ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025 

Aanaa Harxummaa Fursee ganda Hijiraa keessatti milishoonni fi waraanni faashistii PP waliin ta’uun mana “maatii Jaal Falmataa Sabaa” kan abbaan isaanii Obbo Umarshaa Raffisee fi ilmaan isaanii keessa jiraatan mana lama mi’a mana keessaa tokkollee osoo hin baafatin ibidda itti shiduun gubanii yoo barbadeessan, maatii Jaal Falmataas qabanii deemuun reebicha suukkanneessoo irratti raawwatanii gadi lakkisuun barameera.

Maatiin manneen isaanii shiftoota murna Bilxiginnaan jalaa gubate kunneen jaarrolii yoo ta’an, Abbaan Jaal Falmataa Sabaa fi harmeen isaanii kunneen dhukkuba ijaa waan dhukkubaniif iji isaanii haalaan kan hin argine ta’uus maddeen ONM’f eeraniiru.

Aanichuma ganda Qotiitiitti waraanni fi milishoonni sirnichaa wal makuun Gurraandhala 22, 2025 halkan walakkaa balbala jiraattotaa dirqiin bansiisanii ol itti seenuun haawwan afur (4) kan rakkoo nageenya isaaniif maqaa dha’uu hin barbaanne baay’inaan itti wal darbanii gudeedanii miidhaa qaamaa cimaa irraan ga’uun haawwan kunneen yeroo ammaa haala yaaddessaa keessa jiraachuu namootni ganda Qotiitii gochi kun hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin irra ga’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version