Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti milishoota sirnichaan abbaan maatii tokko yoo ajjeefamu, aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhaa fi saamichi waraana faashistii PP’n jiraattota irratti raawwatu jabaate

ONM-ABO Caamsaa 20, 2024

Faana mootummoota abbaa irree impaayerattii duranii hordofuun dabaree isaa duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachiisaa kan jiru Koloneel Abiy Ahimed, waraanaa fi milishoota isaa meeshaa maaliif akka baatu hin beekne golee Oromiyaa mara keessatti bobbasee jiruun, guyyaa irraa gara guyyaatti lubbuun ilmaan Oromoo akka baalaa harca’aa fi qabeenyaan isaanii saamamuun, yeroo ammaa namoonni hedduun qe’ee isaanii irraa godaanuun harka namaa ilaaluuf dirqamanii jiru.

Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Qoraasumaa keessatti Caamsaa 18, 2024 ganama sa’atii 3:00’tti milishoonni sirnichaa nama maqaan isaa Aliyyii Ahimed jedhamu osoo inni ooyiruu isaatti bobba’aa jiruu daandii gubbaatti eeguun gaaffii tokko osoo hin gaafatin, rasaasa itti roobsuun ajjeessanii deemuu jiraattotni ibsan.

Abbaan maatii milishoota sirnichaan ajjeefame kun badii qabaatee osoo hin taane, milishoonni kun jibba dhuunfaa uummata waliin walirraa qaban haaloo ba’achuuf afaan qawweetti fayyadamuun akka ajjeesanis himan.

Oduu biraatiin ammoo aanaa Harxummaa Fursee ganda Qori Fursee keessatti Caamsaa 18, 2024 hidhattootni murna maafi’aa PP gandichatti hawaasa nagaa ajjeesuu fi saamuuf bobbaafaman qe’ee uummataa ganda Qori Furseetti akka waan uummanni yakka dalagee mana hawaasaatti marsuun, Ahimed Umar Hasan konkolaachisaa Bajaajii kan ta’e Bajaajii isaa irraa fudhachuun isas yoo hidhan, Ahimed Mohaammed Aliyyee Bajaajii isaa irraa fudhachuun isa irrattis reebicha ulfaataa raawwatanii mana hidhaatti darbataniiru.
Bajaajii namoota kanneenii waraanni shiftaa Abiy Ahimed kun dabareen itti wal darbuun iddoo barbaadan ittiin deemaa jiraachuu isaanii namoonni ijaan argan ni dubbatu.

Caamsaa 18, 2024 ganduma Qori Fursee keessaa waraanni faashistii PP kun namoota nagaa maqaa deggartoota waraana bilisummaa Oromooti jedhuun Mohaammed Aliishaa, Adee Usumaan fi Umaroo Ibraahim kanneen jedhaman uleedhaan tumanii miidhaa qaamaa jabaa irraan ga’uun magaalaa Caffaa Roobit keessatti hidhuu jiraattotni himuun, namoonni kunneen hojii qonnaa hojjechuun maatii isaanii kan jiraachifatan malee siyaasa irraa bilisa jedhan.

Sirnichi ilmaan Oromoo maqaa adda addaa itti maxxansee ajjeesuu fi hidhuun mana hidhichaa baasee lola isaan hin ilaallannetti hirmaachisuun lubbuu isaanii dhibbootaan lakkaa’aman obbaasaa fi jiraatti achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun isaa beekamaadha.

Exit mobile version