ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024
Murnoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo aangoo siyaasaa Abiy Ahimed akka tiksaniif dirqii fi goyyomsaan fedhii isaanii malee manneen barnootaa, daandii irraa fi bakka hojii isaaniitii umurii fi saalaan osoo adda hin fo’in qabuun lola isaan hin ilaallannetti hirmaachisee lubbuu isaanii obbaasaa kan turee fi har’as itti jiru yoo ta’u, ilmaan Oromoo shira sirnichaa baran ammoo lola nu hin ilaallannetti hin hirmaannu jedhanii murna bilxiginnaa irratti diddaa yeroo agarsiisanitti loltoota PP’n reebamuu, hidhamuu fi ukkaamfamaanii achi buutee dhabamsiifamuun bara bilchiinsa murna bilxiginnaa keessa bartee kan ta’eedha.
Haaluma kanaan, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti hidhattootni sirnichaa milishaa ta’uu diddan maqaa jedhuun namoota reebaa fi hidhaa jiraachuun ibsameera.
Onkoloolessa 6, 2024 hidhattootni sirnichaa raayyaa ittisa Impaayerattii fi milishoota ofiin jedhan qe’ee hawaasaa ganda Manduuboo jedhamu keessatti bobba’uun namoota nagaa lama kan maqaan isaanii Indirroo Mahaammad Hasanuu fi Umaree Yaasin jedhaman milishaa ta’uu diddanii fi galgala galgala waardiyyaa baatanii nu eegaa hin jirtan ittiin jechuun qabanii magaalaa Booraatti hidhuu maddeen onichaa dabaluun dubbatan.
Akka jiraattotni ganda Manduuboo Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan jedhanitti, akkuma aanaa Dawwee Harawaatti hidhattootni murna faashistii PP kun qe’ee hawaasaa keessa naanna’uun maqaa WBO’n baadiyyaa aanichaa cufa keessatti caasaa isaa babaldhisee tarkaanfii nu irratti fudhatee sirna keenya diigaa jira, akkasumas uummata dadammaqsuun akka sirna bilxiginnaa jibbanii fi diddaa irratti agarsiisan hojjechaa jiru waan ta’eef, nuti ammoo yeroo kanatti falli qabnu namoota argine cufa leenjii milishummaaf qe’ee keessa deemnee funaanna maqaa jedhuun hawaasa nagaa doorsisaa turuu dabaluun ibsaniiru.

