Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa onoota garaagaraa keessa ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallannetti erguun ajjeesisuuf maree xumuran

Godina Arsii Bahaa onoota garaagaraa keessa ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallannetti erguun ajjeesisuuf maree xumuran.

ONM-ABO Fulbaana 7,2022 Dabballootni murna bilxiginna godina Arsii Baha Fulbaana 2,2022 onoota garaagaraa keessaa ilmaan Oromoo waraana isaan hin ilaalannee irratti hirmaachisuuf shiira xaxanii wal ga’ii guyyoota sadiif erga taa’aa turaniin booda ganda tokko osoo hin hafin erguuf murteessanii jiru.

Haaluma kanaan kibba baha Oromiyaa godina Arsii Bahaa onaa Heexoosa fi Tijjoo keessatti wal ga’ii Fulbaana 2 hanga Fulbaana 5 taa’anb irratti ganda tokko irraa nama 10 erguu irratti kan murteessan yoo ta’u, namoonni deeman kun abbootii amantii, qeerroo fi milishoo gowwoomsuunii fi doorsisuun akka ta’e hubatamee jira.
Godina Arsii Bahaa keessatti qeerroowwan Oromoo fi milishoonni quuqama maatii isaanii qaban adeemsa daballoonni bilxiginnaa itti jiran hubachuun bakka jireenya isaa gadhiisanii baqachaa jiru.

Murni bilxiginnaa mul’anni isaa lola ta’e ilmaan Oromoo lola Oromiyaa keessatti waraana bilisummaa Oromoo waliinii fi kaaba impaayeerattii keessatti TDF waliin geggeeffamaa jiru irratti hirmaachisuun wareegama galata hin qabne kaffalchiisuun haati Oromoo akkuma bara Dargii dhiira da’uu isheetti gaabbaa jirti.

Gareen fedhii leellistoota Minilik tiksuuf aangoo irra jiru ofii pizza nyaacha fi uskii unachaa qonnaan bultoota Oromoon lubbuu hanga lukkuutti ni laanna jedhee toora lama fuula miidiyaaleen dubbatee ilmaan haadha hiyyeessaa qoraan abiddi itti qabate taasisaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version