Onoota Arsii Lixaa fi bahaa keessatti saamichaa fi hiraarri maqaa ilmaan keessan leenjii waraanummaaf ergaa jedhu hammaate!
ONM-ABO Fulbaana 19, 2022 Gareen maafi’aa beekamtii uummataa malee aangoo siyaasa impaayerattii irra jiru oolee bulee dararaa uummata Oromoo irraan ga’u jabeessuu malee uummatni Oromoo aaragalfatee akka buluuf hojjetee hin beeku.
Murni badiisa uummata Oromoo barbaadu kun dhimmoota siyaasaan mataa goolaa fi ajjeechaa irraan ga’uun cinaatti godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti maallaqa deggersa raayyya ittisa impaayeerattii jechuun tokko tokkoon uummata irraa maallaqa guuraa jira.
Kana malees magaalaa Shaashamannee keessatti daa’imman umriin isaanii hin geenye daandii irraa qabuunii fi gandoota baadiyaa irraa fidanii waajjira poolisii tursiisuun leenjiif fe’aa jiraachuu maddeen ibsaniiru.
Godina Arsii Bahaa ona Arsii Roobee keessattis kaleessa Fulbaana 18,2022 murni faashistii kun saamicha kan geggeessaa turan yoo ta’u mana gadi dhaabbatu cufatti qarshii 5000 ramaduun uummatni dhiphina keessa galee jira.
Uummatni aanichaa kanneen magaalaa jiran dabalatee nuti maallaqa hanga kana ga’u lafa fidnee kafallu hin qabnu, yoo feetan nu hidhaa jechuun fincilaa kan jiran ta’uu maddeen ibsuun lolli hogganaan faashistii PP Abiy Ahimed olaantummaa Amaaraa mirkaneessuuf geggeessaa jiru nu hin ilaallatu, impaayeera diigamaa jirtu keessatti humnaa fi qabeenya keenya biyya keenya Oromiyaa ijaaruuf oolchina malee daboo alagaaf lubbuu akkasumas qabeenya keenya hin laannu, dararaa nu irraan ga’aa jirtan nu irraa dhaabaa jechuun komee kaasaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godina Arsii Bahaa dabaluun ibsaniiru.

