Godina Arsii lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti namoota Irreecha deeman akka qabanii fi uggura geejjibaa kaa’uun dhagaa’ame.
ONM-ABO Fulbaana 23, 2022 Murni bilxiginnaa adeemsi bulchinsa harkaa badee fi rakkoo siyaasa impaayerattii namoota maallaqa kafaleefii deemsisuu qofan furmaata argata jedhee yaadu Irreecha bara 2022 kana ilmaan Oromoo waraqaa waajjira aadaa fi tuuriizimiin kennamuun ala deeman magaalaa qaxxaamuran keessatti akka qabamuu qaban qabeelfamni darbee jira.
Qajeelfama kana bu’uura godhachuun torbee kana bulchinsa magaalaa Shaashamannee keessatti abbootii hoteelaa mana ciisichaa qaban hunda waltajjii waamuun namoota Irreecha deemuuf magaalaa Shaashamannee keessa darban kanneen waraqaa seensaa hin qabne qabsiisaa jechuun kanneen darbuu qaban warra nuti waraqaa kennineef qofa jechuun namootni biroo akka ergama diina qabatanii dhiyaatanitti uummata gorsaa turan.
Keessayyuu namoota godina Gujii fi Boorana irraa dhufan ergama waraana bilisummaa Oromoo waan qabaniif sirnaan hordofaa jedhaniiru.
Kana malees bulchinsa magaalaa Shaashamannee kana keessatti dheengadda Fulbaana 21, 2022 waraanni fi dabballoonni murna bilxiginnaa waliin ta’uun labsii baajajiin kamuu galgala sa’a 12:00 booda akka hin deemne jedhu sagale guddistuun erga dhageessisaniin booda galgala irraa fuullee baajaajii caccabsaa fi adabbii hanga 5000n doorsisaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

