Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna bilxiginnaa godina Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti dararaa hammeessan

Waraanni murna bilxiginnaa godina Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti dararaa hammeessan.

ONM-ABO Hagayya 6,2022 Waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo mirga jiraachuu fi socho’u akka mirga namoomaa fi diimookiraasiitti qabaachuu qaban cufa irraa mulqee akka fedhe godhu godina Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti uummata ba’aa fi gala dhorkuun hiraarsaa jiru.

Torbee kana magaalaa Shaashamannee keessaa ganda 04 fi 01tti poolisootni humna addaa Oromiyaa, poolisiin federaalaa, idilee fi qaamoleen hidhatoo mirna bilxiginnaa biroon gandicha keessa sosso’uun dargaggootaa fi namoota iddoo biraa irraa dhufan irratti xiyyeeffachuun dararaa hamtuu irraan ga’aa jiru.

Keessayuu barattoota godina Booranaa fi Gujii irraa dhufanii barnoota isaanii magaalattii keessatti hordofaa jiran jedhaman faana dha’uun ergama waraana bilisummaa Oromoo fudhatanii dhuftan itti jechuun qabanii hidhaa fi daandii irratti reebaa oolu.

Bulchiinsa magaalaa Shaashamannee ganda 01 fi 04 keessatti namni galgala akka sa’a impaayeerattiitti sa’a 1:00 kaasee daandii irra yoo ture reebichi, saamichii fi qabamanii hidhamuu akkasumas butamanii dhabamuun akka irra ga’aa jiru jiraataan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko ibseera.

Magaalaa Shaashamannee keessatti murni bilxiginnaa abdii uummatni na deggera jedhu erga dhabee asi humna waraanaa magaalaattii keessa qubsiisuun tarkaanfii sukkanneessaa ittiin uummata shororkeessa jedhu cufa fudhachuun uummaticha of jalatti bulchuuf yaalus daandiin bilxiginnaa fi daandiin uummataa gargar akka ta’e diddaa uummatni sirnicha irratti agarsiisaa jiru irraa hubachuun ni danda’ama.

Exit mobile version