Waraannii fi kaabinootni murna bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti uummata dararuu itti fufe.
ONM – ABO – Sadaasa 21, 2022
Waraannii fi kaabinootni murna bilxigina godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee torbe darbe keessa erga Waraanni Bilisummaa Oromoo Oromiyaa bakkoota hedduutti lola magaaltootaa jalqabee muddama cimaa keessa galuun sochii bajajoota fi taaksii magaalaa keessaa uguruu fi maqaa sakatta’insaatiin saamicha hamaa konkoolaachiftootaa fi tajaajilamtoota irratti raawwachaa jiru
Sadaasa 15/2022 irraa eegaluun ergamtootni murna bilxiginnaa kun godina Arsii lixa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti sochii bajajoota fi taaskii magaalaa keessaa bakkoota shakkii cimaa irraa qaban guutuumman kan uguraan yoo ta’uu iddoolee hafaniitti immoo pooliisoota fi milishoota magaalattii saammichaaf daandii irratti ramaduun imaltoota akkasumas konkoolachiftoota saamuun hawaasni dararaa argaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Akka Madden jedhanitti gandoota magaalattii sabboonummaa qaban jedhanii yaadan ganda 01 daandii Hawashootti geessuu fi ganda 02 xiyyeeffannoo adda itti keennuun guutuutti irraa ugguran jedhan.
Kana malees guutummaa magaalattii keessatti halkaan mana sirree irraa deemuu waraaqaa eenyummaa ilaaluun ilmaan Oromoo Lixaa fi kibba Oromiyaa irraa hojii dhuunfaa isaaniif magaalattii dhufan maqaa ati Waraana Bilisummaa Oromooti jedhu itti maxxansuun saamichaa fi dararaa adda addaa erga irratti raawwatanii booda hidhaa jiraachuu himuun, yeroon kun murna bilxiginnaa biratti Oromummaan kaka ta’uu bira darbee godina dhalootaatti waan ce’eef haala ulfaataa kana tokkummaan dura dhaabbachuu qabna jechuun maddeen yaada isaanii goolabaniiru.

