Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraannii fi kaabinootni  murna bilxiginnaa godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa fi Booraa keessatti uummata dararuu jabeessan 

ONM-ABO Mudde 6, 2023

Waraannii fi kaabinootni murna bilxiginnaa Sadaasa 25 hanga Muddee 3, 2023tti godina baha Shaggar aanaa Dugdaa fi Booraa keessatti uummata walitti qabanii qamadii oomishuun dirqama jechuun hawaasa fedha isaa malee dirqamsiisaa kan jiran yoo ta’u, namootni bu’aa siyaasaa bilxiginnaaf qonna yeroo maleetti akka seenan taasifamaa jiru.

Kana malees poolisootaa fi raayyaan ittisa impaayerattii kanneen impaayera Minilik tiksuuf hojjechaa jiran dargaggoota hidhuu fi saamuu jabeessuun, guyyaa gabaa uummata baadiyyaa irra gara gabaa deeman isin WBO qallabdu, isaan malee nu hin jaal’attan jechuudhaan maallaqaa fi bilbila uummata irraa saamaa jiru.

Magaalota aanota lamaanii keessattis galgala galgala manatti ol seenuudhaan qabeenyaa fi horii saamuun namoota garii irrattis reebichaa fi hidhaa jabeessuu maddeen himan.

Muddee 1 dargaggoota lama qarshii 20,000 fi bilbila Infinix lamaan isaa qarshii 28000n bitame afaan qawweetiin yoo irra fudhatan, Muddee 3 hawaasa baadiyyaa irraa gara magaalaa Botee seenan poolisootni seensuma magaalattii irratti buufata godhachuun tokko tokkoo namoota baadiyyaa irra gara magaalaa seenan qarshii 500 dirqamaan irraa fuudhaa kan turan yoo ta’u, namni qarshii kana kennuu hin dandeenye gara magaalaa Botee seenaa akka hin turre maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version