Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa fi Booraa keessatti murni Bilxiginnaa saamichaa fi hidhaa maatii qabsaa’otaa irratti hammeessuun himame 

ONM-ABO Hagayya 28, 2025 

Ergamtootni murna Bilxiginnaa uummata dararuun jiruu idilee isaanii ta’e, bakkeewwan Oromiyaa garaa garaa keessatti gidiraa hamtuu maatiii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti hammeessuun, Hagayya 25, 2025 aanaa Booraa ganda Jirimee Booraa keessaa nama maqaan isaani:

  1. Obbo Ayyalaa Saaboo jedhamu jalaa loon karra tokko ooffachuun, 
  2. Ifoo Taaddasaa jedhamu jalaa immoo loowwan hedduu kan fudhan  oggaa ta’u, 

walumaa galatti naannoo sanaa   loowwan 100 ol ooffatanii deemuu jiraattonni ifoomsaniiru.

Kana malees godinichuma aanaa Dugdaa ganda Burqaa Dambal keessaa namoota hedduu hidhuun gidirsaa kan jiran oggaa ta’u, isaan keessaa kanneen maqaa arganne:

  1. Obbo Kurfaa Badhaadhaa maanguddoo ganna 70 haadha warraa isaa;
  2. Aadde Bultuu Jaanoo nama ganna 50 fi ilmaan isaanii 
  3. Malkaa Kurfaa fi 
  4. Waarii Kurfaa kan jedhaman,
  5. Boruu Shaalloo,
  6. Aadde Lammaa Gabuu fi 
  7. Bojoraa Jaanoo 

kanneen jedhaman maatii isaanii irraa qabuun magaalaa onichaa Maqiitti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni dabaluun ifoomsanii jiru.

Akka jiraattonni godinichaatti jedhanitti ergamtootni PP qe’ee namootaatti bobba’uun saamicha maqaa gibiraan raawwataniin cidhanitti qabeenya namootaa badii tokko malee ilaalcha siyaasaan yakkanii jalaa fudhachuun hiyyummaa fi gadadootti hambisaa jiru.  

Exit mobile version