ONM-ABO Ebla 13, 2024
Bulchiinsi abbaa irree impaayera Itoophiyaa guyyaa irraa gara guyyaatti dhiiga ilmaan Oromoo rasaasaan dhangalaasisaa kan ooluu fi saamicha qabeenya uummata irratti raawwachuun uummata Oromoo hiyyummaa hamaaf saaxila jira.
Haaluma kanaan Godina Baha Shaggar Aanaa Booraa Ganda Daalotaa Maatii jedhamu keessatti uummata nagaan isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti ittiin jechuun loowwan 112 ol jalaa ooffachuun gara aanaa Dugdaa mooraa waraana PP magaalaa Maqiitti geessan.
Loowwan kanneenis erga mooraa galfataniin booda sangoota keessaa filuun rasaasaan rukutanii qalanii nyaachaa kan turan yoo ta’u, gariin immoo namni fayyaatti irraa bituu waan dideef qalanii halkan bajaajiin gara magaalaa Maqiitti guuruun humnaan manneen nyaataa irra deemanii itti gurguraa turuu maddeen gabaasan.
Namoota loowwan jalaa saamaman keessaa muraasa kanneen maqaa isaanii arganne Raggaasaa Dagaagaa, Dabalee Dagaagaa, Tufaa Boruu, Dambal Dabalee, Bantii Dabalee, Tufaa Raggaasaa kanneen jedhaman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

