Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaalee Booraa fi Dugdaa keessaa maatiin qabsaa’otaa jumlaan hidhamaa jiraachuun himame 

ONM-ABO Fulbaana 18, 2025 

Gareen murna Bilxiginnaa aangoo nam-tokkee sirnoota moofaa darbanii deebisanii gadi dhaabuuf sabboontotaa fi maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffannoo taasisuun miidhaa qaqqabsiisaa kan jiran yoo ta’u, addattuu aanaalee Baha Shaggar Booraa fi Dugdaa keessaa namoonni danuun jumlaan hidhamuu fi gariin ammoo qe’ee gadhiisanii godaanaa jiraachuun himameera.

Bifuma kanaanis torban lamaan darban irraa kaasee bulchiinsa aanota lamaaniitti namoota hedduu maqaa ilma kee, intala kee, abbaa warraa kee, obboleeyyan kee fi kanneen biroo jedhuun waajjira poolisii keessatti hidhanii gidirsaa kan jiran yoo ta’u, rakkoo jajjabaa deemaa jiruun maatii hedduun qe’ee onsanii godaanaa jiraachuu dubbatu.

Namoota qabamanii mana hidhaa aanaa Dugdaa ganda Burqaa Dambal jiran keessaa kanneen maqaa arganne:

  1. Obbo Kurfaa Badhaadhaa, 
  2. Aadde Bultuu Jaanoo, 
  3. Aadde Shaashii fi 

kanneen biroo danuun erga hidhamanii kaasee hanga gabaasni kun qindaa’etti haala hamaa keessa kan jiran oggaa ta’u, akka waliigalaatti hidhamtoonni siyaasaa sababa maatii qabsaa’otaa ta’aniif hidhamanii jiran martuu sodaachisaa fi gidiraa isaan irra gahaa jiruun haala hammaataa keessa akka jiran addeeffameera.

Exit mobile version