Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti gubaatiin manneenii fi hidhaan maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamaa jiraachuun himame 

ONM-ABO Bitootessa 23, 2025 

Waraanni faashistii PP hojiilee saamichaa fi mancaatii qabeenyaa jiraattotaa irratti akka raawwataniif ajaja koloneel Abiy Ahimediin bobbaafamaa jiran Bitootessa 20, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa jedhamu keessaa manneen qonnaan bultoota 4 ibidda itti shidanii barbadeessuun dhaga’ame.

Namoota manneen jalaa gubate keessaa kan maqaa arganne: 

  1. Obbo Badhaasoo Dhaqqaboo, 
  2. Obbo Duulaa Roobaa, 
  3. Obbo Qondee Aabbee fi 

kan maqaan isaa ammaaf nu hin geenye tokko dabalatee meeshaalee mana keessa jiru cufa waliin ibidda itti shidanii akka barbadeessan beekameera.

Oduu hidhaatiin ammoo ganda Daraaraa Daallachaa irraa sababa ilmi isaanii miseensa WBO ta’eef namoonni danuun loltoota faashistii PP’n ukkaamfamuun hidhamaa jiraachuun ibsameera.

Kana malees ganda Tuchii Sumayyaan irraa ammoo Obbo Quufaa Boruu kan jedhamu maqaa ilma kee bosonaa galchitu malee hidhaa irraa hin baatu jedhuun waraana faashistii PP’n qabamee buufata waraanaa mana barumsaa Gamoo Dalgagalaa fi Ifa Boruu sadarkaa1’ffaa fi sadarkaa 2’ffaatti haadha warraa isaa waliin hidhamaa turuun yeroo ammaa waajjira poolisii magaalaa Maqiitti dabarfamanii hiraarfamaa jiraachuun addeeffameera.

Kana malees jiraattonni aanaa Dugdaa fi Booraa keessaa yeroo yeroon dirqiin butamanii leenjii milishummaaf guuramaa turan sirnichaaf hin tajaajillu jedhanii guyyuu badaa jiraachuu hordofee sirnichi qe’ee fi qabeenya isaanii irratti qotatanii akka hin jiraanneef godaansisaa jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version