Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa  Limmuu Galiilaatti manneen jiraattotaa loltoota faashistii PP’n gubaachuun cimee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 23, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuu Galiilaatti manneen qonnaan bultootaa hidhattoota koloneel Abiy Ahimed qe’ee hawaasa nagaatti bobbaasaa jiruun gubachaa jiraachuu jiraattonni kan himan oggaa ta’u, waraanni naamusaa fi kabaja namummaa hin beekne kunneen gaaffii seeraa fi ulaagaalee yakkaa tokko malee Bitootessa 21, 2025 ganda Dagam keessaa manneen jiraattota gandichaa lamatti ibidda shidanii barbadeessanii deemuun ibsameera.

Namoota manni jalaa gubate maqaan isaanii:

  1. Obbo Jammaraa Taganyee fi
  2. Obbo Alamayyoo Adimaasuu 

kanneen jedhaman meeshaalee mana keessaa guutummaa waliin ibidda itti qabsiisuun gubanii barbadeessuun qe’ee onaatti hambisanii deemuun addeeffameera.

Murni Bilxiginnaa bu’uuruma hundeeffamuu isaa irraa qabee  uummaticha dhabamsiisuuf ciniinnatee summii hadhawaa keessa isaa jiru dhoksuun kan as bahe, lafaa fi qabeenya isaa irratti yakka tokko malee hawaasa hojii qonnaa, horsiisa loonii fi jireenya dhuunfaa isaa jiraachuuf tattaafatee bulu maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi isin yakkamtoota jedhuun saamuu, hidhuu fi ajjeesuu haalaan cimsee itti fufeera.

Exit mobile version