ONM-ABO Guraandhala 1, 2025
Murni Bilxiginnaa uummata nagaa dheeboteef nagaa waaraa buusuufii osoo qabuu faallaa kanaa loltoota isaa itti bobbaasuun halkanii fi guyyaa namoota nagaa ukkaamsuun hidhuu, hidhaa irraa baasuun ajjeesuu, manneen irratti gubuu fi qabeenyaa isaanii irratti saamicha geggeessuun qe’ee Oromoo goolaa oola.
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa iddoo addaa Hordofee jedhamu keessatti kaleessa Amajjii 31, 2025 nama maqaan isaa Obbo Waaqjiraa Guduree Midhagsoo jedhamu maanguddoo ganna 65 loltoonni faashistii PP gara laafina tokko malee yoo ajjeesan, maqaa hidhata WBO qabdu jedhuunis manneen jireenyaa qonnaan bultootaa ibidda itti shidanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Qonnaan bultoota manneen jalaa gubate keessaa kanneen maqaan nu ga’e:
- Obbo Birraa Bulaa,
- Obbo Haftee Booranaa fi
- Obbo Biraanuu Nagawoo oggaa ta’an,
nama maqaan isaa:
- Ijaaroo Mi’eessoo jedhamu
ammoo ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuu jiraattonni itti dabaluun eeraniiru.
Kana malees obboleettii maanguddoo ajjeefamee maqaan ishee Caaltuu Guduree jedhamtu dabalatee dargaggoo Burqaa Bulluqaa fi dargaggoota 4 kan ammaaf maqaan nu hin geenye irratti reebichi ulfaataan raawwatamuu ONM odeeffateera.

