ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024
Dhiiga namoota nagaa dhangalaasuu araadaa fi hojii guyyuu isaa kan godhate waraanni maafiyaa PP goleewwan Oromiyaa mara keessatti uummata nagaa maqaa garaa garaa itti maxxansee yakkuun duula duguuggaa sanyii (Genocide) irratti raawwachuu jabeessee itti fufee jira.
Akkaataa kanaan, Baha Shaggar aanaa Dugdaatti waraanni faashistii PP qonnaan bultoota 3 haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen himan.
Onkoloolessa 18, 2024 aanaa Dugdaa ganda Bofoo Jawwee jedhamu keessaa waraanni koloneel Abiy Ahimed maqaa sakattaan bobbaate uummata nagaa irratti dhukaasa banuun qonnaan bultoota sadii kanneen maqaan isaanii:
- Obbo Baatii Bakuraa,
- Obbo Gammadaa Jimaa fi
- Daadhii Booruu jedhaman badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattotni eeranitti, namoonni kunneen hojii dhuunfaa isaanii malee siyaasa tokkollee kan hin hordofne namoota nagaa ta’uu himuun, waraanni sirnichaa garuu naasuu tokko malee maatii fi qe’ee isaanii irraa ajjeesuun maatii jireenya gadadoof saaxiluu dubbatu.

