Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed qonnaan bulaa tokko haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun himame

ONM-ABO Muddee 21, 2024 

Murni garboomfataan Bilxiginnaa uummata nagaa irratti siyaasaa fi teessoo dhuunfaa isaanii miidhagfachuuf jecha afaaniin Oromummaa himachaa sadoo fedhii dhuunfaa isaaniif jecha karoora diinummaa Oromummaa balleessu diriirsuun ajjeechaa  jabeessaniiru.

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Shubii Gamoo jedhamutti  Muddee 19, 2024 waraanni goolessaan Bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Gammachuu Tiksee jedhamu yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akka jiraattonni kun jedhanitti Obbo Gammachuun abbaa ijoollee 5 fi jaarsa biyyaa ollaa fi hawaasa ganda isaa biratti kabajaa fi jaalala guddaa qabu akka ta’es kan himan jiraattonni, waraanni faashistii PP garuu Oromummaa isaa qofaan yakkuun ajjeechaa irratti raawwachuu himan.

Kana malees aanaadhuma Dugdaa iddoo addaa Waraaboo jedhamutti guyyuma kana jaarsa biyyaa maqaan isaa Obbo Fayyisaa Daluu jedhamu jalaa mana jireenyaa qabeenya keessa jiru waliin ibidda itti shiduun barbadeessanii deemuu jiraattonni dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version