ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025
Murni lubbuu ilmaan Oromoo guyyaa guyyaan akka baala mukaatti harcaasaa ooluu Bilxiginnaan kichuuwwan abdii borii ta’an jireenya fuulduraa isaanii dukkaneessuun gariin rasaasaan rukutuun qaama miidhamtoota taasisuu fi gariin ammoo gara laafina tokko malee sababa Oromummaa qofaan yakkuun ajjeechaa raawwatan cimsanii itti fufanii jiru.
Bifuma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa keessatti Waxabajjii 1, 2025 dargaggoo maqaan isaa Badhaanee Bulaa jedhamu sababa tokko malee waraanni koloneel Abiy Ahimediin uummata nagaa akka dararaniif bobbaafaman rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu fi reeffa isaa waraabessi nyaachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni kun jedhanitti dargaggoon kun hiriyoota isaa waliin oolee osoo gara mana maatii isaatti galaa jiruu gaaffii tokko malee ajjeesuus itti dabaluun himaniiru.

