ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024
Waraanni maafi’aa PP goleewwan Oromiyaa hundaa keessatti namoota dhugaa uummata Oromoof quuqama qaban qabee achi buutee dhabamsiisuu fi ajjeechaa irratti raawwatee reeffa dhorkachuun hawaasa keessa naannessee rifaasisus, uummanni Oromoo dhugaa of harkaa qabu garuu garbummaa afaan qawwee jalaa bahuuf diddaa fincilaa taasisaa jiru itti fufuun sirna bilxiginnaatti yaaddoo itti ta’ee jira.
Dheengadda jechuun Waxabajjii 19, 2024 Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa jedhamu keessatti nama maqaan isaa obbo Leenjoo Fittaalaa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf waraanni faashistii Abiy Ahimed qabuun hanga ammaatti bakka geessan akka wallaalame jiraattonni onichaa ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattotni naannicha irraa ONM dubbise nuuf eeranitti, waraanni murna abbaa irree koloneel Abiy Ahimed dargaggoo maqaan isaa Dittaa jedhamu ganda Waldaa Qal’inaa keessaa qabatanii fuudhanii deemuun manneen namoota shamarran qabanii nu geessi jedhanii dirqamaan gudeedaa akka jiranis himaniiru.
Torbee darbe kana keessas ganduma kana keessaa shamarree tokko waraanni sirnichaa dirqiin akka gudeedanis gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

