Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni Bilxiginnaa dargaggoo tokko ajjeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025 

Kibxata darbe Waxabajjii 24, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Shuubii Gamoo jedhamu keessatti waraanni impaayerattii dargaggoo maqaan isaa Fareessaa Ida’oo jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa qofaan yakkuun tarkaanfii ajjeechaa irratti fudhachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti ajjeechaan waraanni Bilxiginnaa nu irratti raawwachaa jiru guyyaa guyyaan dabalaa jiraachuu fi saamichi qabeenyaa akkasumas gubaatiin manneen jireenyaa keenya irratti akkuma itti fufetti jira jechuunis dubbataniiru.

Hidhattoonni ajaja koloneel Abiy Ahimediiin kutaalee Oromiyaa garaa garaatti bobbaafaman, kanneen miirri namummaa itti hin dhaga’amnee fi dhala namaaf naasuu tokkollee hin qabne bakkoota adda addaatti maqaa sakattaa WBO fi olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhu sababeeffatanii ba’uun qaama isaanitti dhukaasu dheessanii uummata meesha-maleessatti ol deebi’uun mana isaa keessatti ajjeesaa jiru.

Exit mobile version