ONM-ABO Sadaasa 9, 2024
Akka heeraa fi seeraatti mootummaa jechuun uummata uummata jechuun mootummaa ta’uun kan beekamu ta’us, sirni ulaagaa mootummaa hin guunnee fi filannoo uummataa malee waliin dha’uun aangoo impaayerattiitti ol ba’e Bilxiginnaan gama isaaf danda’ame maraan qawwee hedduu bobbaasuun uummaticha ajjeesee bulchuuf tarsiimoo jabaa qabatee duguuggaa sanyii raawwachuu jabeessee jira.
Jeneraalota isaanii irraa kaasee hanga kaabinootaatti yeroo garaa garaatti Waraana Bilisummaa Oromoo balleessine, ajjeefnee fi sadarkaa Bilxiginnaaf yaaddoo irra hin jiran akkasumas baatii hanga kanaa gidduutti ni balleessina jechuun dhaadachaa turuunis, WBO loluun hafee uummata harka quullaa miidhaa jiru.
Taateen har’a Oromiyaa keessatti murna bilxiginnaan ta’aa jiru WBO balleessuu osoo hin taane akkuma qondaalli isaanii Fiqaaduu Tasammaa Qurxummii balleessuuf dura galaana gogsuu qabna jedhan sana maqaa WBO of dura qabuun uummata lafarraa duguugaa jiru.
Bifuma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti Sadaasa 7, 2024 ganama naannoo sa’atii 3:00 irratti waraanni faashistii Abiy Ahimed magaalaa Maqii irraa gara ganda Xephoo Coroqee jedhamutti bobba’uun qonnaan bulaa ooyiruu isaa keessaa boqqolloo guurrachaa ture abbaa maatii nama maqaan isaa Obbo Beenyaa Boxoraa jedhamu gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Namoota naannoo sanaattis dhukaasa hamaa banuun akka isaan qe’ee isaanii dhiisanii baqatan taasisanii jiraachuus dabaluun dubbataniiru.

