Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa hojjettoota mootummaa wal-gayii guyyaa afuriif mataa duree Idaa irraa hanga Miindaattii jedhuun Oromiyaa guutuu keessatti guyyaa kaleessaa eegaluun beekame

ONM-ABO Muddee 26, 2023

Murni sobaan maqaa badhaadhina jedhu of dura qabuun Oromiyaa keessatti rakkoo labsee jiru bilxiginnaan, yeroo ammaa hojjettoota mootummaa magaalota Oromiyaa keessatti argaman walitti qabee mata duree Idaa irraa hanga miindaatti jedhu caqasuun siyaasa isaa barsiisuuf yaalaa akka jiru hirmaataan wal-gayiichaa Arraatni Biyyooleessa Oromiyaa dubbisee tokko yaada isaa nuuf qoodera.

Muddee 25, 2023 irraa eegaluun wal-tajjii guyyaa 4f turu mata duree armaan oliin kaadirootni sirna PP akka eegalan Kan himu hirmaatan Kun, kaayyoon wal-gayichaa fi mata dureen isaanii wal addas Jechuun Kan himu, akkaataa itti waraana bilisummaa Oromoo fi caasaa isaanii dhabamsiisan malee furmaata waaraa fiduu miti jechuun Kan himu hirmaatan Kun, gaafffiin hirmaattota irraa ka’es akkas Kan jedhu ture, rakkoon Oromiyaa Keessaa maaf hin dhaabbatu, nuti nagaa feena, WBO waliin yoo araara buustan nagaan hojii hojjechuu dandeenya jennee yeroo yaadota dhiyeessinu yaadota keenya kufaa taasisan Jechuun dubbata.

Dabalataanis saamichi uummata keenya irraa maaf hin dhaabbatu, Oromiyaa keessatti hanga yoomiitti dhiigni namoota nagaa dhangala’aa Kan jedhus hirmaattota irraa ka’aa akka ture Kan himan, garuu yaadni fi kaarorri sirnichi qabatee jiru sabicha balleessuu qofaa akka ta’etu nuuf gale jechuun dabaluun yaada isaa nuuf ibseera.

Exit mobile version