Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Jedhamuun Kan Kabajamu Amajjiin Tokko (1), Akecktuu Guyyaa Walabummaa Oromiyaati

“Guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Jedhamuun Kan Kabajamu Amajjiin Tokko (1), Akecktuu Guyyaa Walabummaa Oromiyaati.”

(Jaal-bultii Guyyaa WBO Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Kabajamaa uummata Oromoof:

Qabsoon Diddaa Garbummaa sirna kolonii Impaayera Itoophiyaa irratti ilmaan keetiin jaarmayaa ABO-WBO jalatti bara 1973 irraa kaastee geggeessaa jirtu, haalota hedduu keessa darbee. wareegamni barbaachisus ilmaan keetiin itti baafamee, hidda sirna kolonii bubuqqaasuun, baadiyyaa Oromiyaa keessaa kukkutee gubee, magaalota qofa keessatti akka daanga’an taasisanii jiraachuu quba qabda.

Haa ta’u malee, sirni kolonii kun yeroo Minilikiin ijaaramullee, salphumatti osoo hintaane, maqaa “ጋላ” jedhu Oromootti maxxansuun, bara 1878-1904tti Daguuggaa Sanyii (Genocide) ija Addunyaa jalaa dhokfame raawwatee, Oromoo harka walakkaa (miliyoona 5) daguuguu, hooggansa Oromoo fi hayyoota dhabamsiisuu, haati ilmoo akka hoosifattee hin guddifne harma muree, abbaan oyiruu qotatee akka maatii hin jiraachifne harka muree. Oromoo hiyyoomse waan ta’eef akka salphaatti buqqaafamuu diduutti jira.

Sirni Impaayera Itoophiyaa kun mammaaksa, “Oromoon biyya bulchuu hin danda’u; Oromiyaan biyya ta’uu hin dandeessu” jedhu akka amantaatti fudhattee itti amantee waan jirtuuf, hanga Oromoon humna isaa jabeeffatee amansiisutti, biyya keenya nuuf kennuuf hin jirtu. Haalli ammaa akkuma falmaan itti jabaateen, gara-jabummaan diinaas daran jabaatee isa kaleessa harma muraa fi harka muraa dhageenye, morma muraa nu daawwachiisuun isaanii, mana keessatti Oromoo gubuu. Oromoo ajjeesanii gubuu fi Oromoo fayyaa gubanii ajjeesuun isaanii, mammaaksa tuffii Oromoof mammaakan sanarraa kan madde dha. Ammallee maqaa “ሸኔ” jedhu Oromootti maxxansuunis, adeemsuma duguuggaan sanyii ittiin raawwatamu, kan “Genocide Watch” irra kaa’amee jiruutiin duula daguuggaa sanyii Oromoo irratti bananii jiru.

Durumaanuu abbootiin keenya gara-jabummaa diinaa kana dursanii hubatanii, Jaarmayaa ABO jalatti Waraana Oromoo (WBO) hundeessuun, Walabummaa, Birmadummaa fi Bilisummaaf jecha Qabsoo Hidhannoo eegalan. Lafee dugdaa ABO fi Qabsoo Oromoo kan ta’e WBOn, yeroo muddamsaa hedduu keessa qabsicha kufaatii irraa baraaruun falma jabaa amma itti jiru kanarraan gahuu danda’eera.

Duula ulfaataa WBO balleessuuf akeekkate ka siri Dargii bara 1978-1979 Baha Oromiyaatti taasise, Waraanni Bilisummaa Oromoo lolee irra aanuutiin, Amajjii 1, 1980 walitti dhufuun ayyaana guddaa kabajatanii, guyyaan sunis guyyaa dhukaasni jalqabaa Walabummaa Oromiyaatiif jecha, Jaal Elemoo Qilxuutiin “Carcar Xirroo” irratti dhukaate ittiin yaadatamuu fi Guyyaan Walabummaa Oromiyaa ammoo irraa akeekamee hawwiin eeggatamu akka ta’uuf, “Guyyaa WBO” jedhanii ayyaaneffachuun akka itti fufuuf murtaa’e. Akkuma ayyaanota gurguddoo qabsoo Oromoo keessatti kabajaman akka: Guyyaa Gootota Oromoo (GGO). Guyyaan WBOS akeekaa fi akkaataa itti kabajamu mataa isaatii qaba.

Akeekni ayyaana Guyyaa WBO kanaa, guyyaa Qabsoon Hidhannoo Walabummaa Oromiyaaf itti eegalte yaadachuu. Qabsoo Hidhannoo jabeessuuf wal-kakaasuu, WBO jajjabeessuu, fi Guyyaa Walabummaa Oromiyaanotaa (Oromians Independence Day) mirkaneessuuf wal- qopheessuudha.

Akkaataan itti ayyaaneffannu:
1) Seenaa Qabsoo Walabummaa Oromiyaa fi Impaayera kolonii Itoophiyaa wal yaadachiisuun, akkaataa itti WBOn qabsoo gudunfu irratti mari’achuu.

2) WBO akkaataa itti gargaaranii Waraana Uummataa fi Biyyaa cimaa taasisuun danda’amu irratti wal mari’achuu, wal gorsuun,

3) Akka wal amantaa fi walitti dhiyeenyaan guyyoota dura keenya jiranitti, kabajaa WBO qabnuu fi hawwii Guyyaa Walabummaa Oromiyaaf qabnu barreeffamoota, dhaadannoolee ykn mallattoolee diddaa garbummaa adda addaatiin ibsachuu,

4) Faaruu Alaabaa Oromiyaa bakkaa bakkatti faarsuu fa’a ta’a.

Waan ta’eef, Uummanni Oromoo. Qeerroon Bilisummaa Oromoo, Barataa, Hojjetaa, Daldalaa. Qotee-bulaa fi Hojjetaan-guyyaa kamuu. haala aanja’aa balaaf isa ykn ishee hin saaxille uummatee, Guyyaa WBO kabajachaa, Guyyaa Walabummaa Oromiyaaf ammoo akka wal onnachiisu dhaamna.

Kallattii Jaarmiyaan ABO-WBO kaa’u hordofuun Warraaqsa Oromoo Baraaruu itti jirru cimsinee, garbummaatti xumura gochuufis, tokkummaa keenya kan Oromummaa fi Biyyummaa Oromiyaa irratti bu’uure cimsuun, lammiilee Oromiyaa lafti isaanii weeraramee bakkee irratti gatamanii jiraniif sagalee ta’uu fi sirna lafa keenya irraa nu buqqaasu kana buqqaasnee, biyya naga-qabeettii Oromiyaa irratti mootummaa mataa keenyaa ijaarrannee ofiin bulchuun, dirqama nagaan jiraachuu fi dirqama daguuggaa sanyii lammaffaa irra of baraaruuti.

Kallattii Jaarmiyaan ABO-WBO kaa’u hordofuun Warraaqsa Oromoo Baraaruu itti jirru cimsinee, garbummaatti xumura gochuufis, tokkummaa keenya kan Oromummaa fi Biyyummaa Oromiyaa irratti bu’uure cimsuun, lammiilee Oromiyaa lafti isaanii weeraramee bakkee irratti gatamanii jiraniif sagalee ta uu fi sirna lafa keenya irraa nu buqqaasu kana buqqaasnee, biyya naga-qabeettii Oromiyaa irratti mootummaa mataa keenyaa ijaarrannee ofiin bulchuun, dirqama nagaan jiraachuu fi dirqama daguuggaa sanyii lammaffaa irra of baraaruuti.

Dhumarrattis, Guyyoota Shanan dura keenya jiran kanarraa eegaluun hanga Amajji Itti, akkaataa isiniif danda’ameen Guyyaa WBO kabajachuu akka jalqabdanii fi Ayyaanicha akkaataa itti dabarsitan ammoo, bifa balaaf isin saaxiluu hin dandeenyeen, Suursagalee ykn Suura sirna kabajannaa keessanii waraabuun Miidiyaalee Qabsoo Oromoof erguun, Ayyaana Biyyaalessaa kana akka waliin kabajannu dhaamna!

Injifannoo Uummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Muddee 26, 2022

Finfinnee Oromiyaa

Exit mobile version