Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qabsoo Oromoo: Seenaa ABO – ‘Uumamuu, Butamuu, fi Deebi’ee Uumamuu’
(The Oromo Struggle: OLF History – „Formation, Hijacked, and Reformation‟)

Qabsoo Oromoo: Seenaa ABO – ‘Uumamuu, Butamuu, fi Deebi’ee Uumamuu’
(The Oromo Struggle: OLF History – „Formation, Hijacked, and Reformation‟)
Sirni kolonii Abisiiniyaa, deggersa meeshaa waraanaa Faranjoota irraa argataniin Oromiyaa cabsee ijaaramuutti dabalataan, tooftaa walxaxaa kan bifoota akka bifa fuudhaa fi heerumaa, faayidaatiin Oromoota hedduu gowwoomsuu, fi bifa amantaatiin Oromoo fi Oromiyaa keessatti hundee godhachuu danda‟e. Oromoota baratan ykn gootota Oromoo Fuudhaa fi heerumaan qabachuu tiin ykn bifa amantaatiin erga Oromoo isa tokko ofitti qabanii booda, icciitii keessoo Oromoo baruutiin mala hamaa „Oromoon Oromoo cabsuu-OOC) jedhu gargaaramuutiin, sirni kolonii isaanii kolonii alaa( foreign colony) irraa bifa kolonii keessoo (endiginous colony) akka qabaatu taasisan.
Uummanni Oromoo, jaarraa 1.5 dura erga waanjoo kolonii Abisiiyanaa jalatti cabee, yeroo kamuu saamichaa fi cunqurfaa garboomfattootatiif tole jedhee harka kennee hin teenye. Fincila Sirnaawoo hin ta‟iin (insurgency) adda addaatiin, Bifa gurmaa‟ee fi bifa hin gurmaa‟iiniin, diina deggersa humnoota alaatiin Biyya Oromiyaa cabsee, Gadaa Oromoo balleessuuf aggaammate ofirraa ittisuu fi buqqaasuuf aarsaan dhiigaa, lafee fi lubbuu ilmaan Oromoo kaffalan lakkoofsaan oli.
Akka sabaatti ijaaramuu Oromootiif qooda kan gumaache, Waldaa waalgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa, Sochii qotee-bultoota Baalee,Waldaa barattoota Oromoo fi kkf dha.
Taateewwanii fi qindoomina seenaa ABO irratti hundaa‟uun, baroonni jireenya ABO bakka 3tti qoodamu.

  1. Barri 1973-1981, bara Uumamuu ABO,
  2. Barri 1981-2018, bara Butamuu ABO fi
  3. Barri 2018-Ammaa ammoo, bara Deebi‟ee Uumamuu ABO jedhama.
    ABOn hanga Walabummaa Oromiyaa mirkaneessutti Kaayyoo isaa irratti of-uumaa waan jiraatuuf, baduu hin dandeenye.
    I. Uumamuu ABO (1973-1981)
    Bara 1970moota gara jalqabaatii eegalee, sochiin qabsoo Oromoo kana bifa sirnaawaa(formal) ta‟een geggeessuu eegalame. Sochii qotee-bultootaa, kan barattootaa fi hojjettoota garaagaraa walitti qindeessuutiin, Humna riphee lolaa (rebel force) ijaaruun, falmaa hidhannoo fi siyaasaa geggeessuutiin,
    Jaarmayaan qabsoo sabichaa taaligu akkaan barbaachisaa ta‟uu maanguddoonni fi hayyoonni Oromoo irratti waliif galan.
    Haaluma kanaan, Jaarmayaan „Adda Bilisummaa Oromoo(ABO)‟ ilmaan gudeedaa sabichaatiin, akeeka siyaasaa baayyina Oromoo fi bal‟ina Oromiyaa gituu danda‟u irratti, bara 1973tti hundeeffame. Dirree bahaa irrattis “Kun Sagalee Bilisummaa Oromooti” jechuun rasaasa jalqabaa qabsaa‟aa Oromoo, oguma loltummaa biyya alaatti leenji‟ee deebi‟e, Elemoon Qilxuutiin, Carcar irratti dhukaateen, Humni Waraanaa kan Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu fi Birmadummaa ishee eeguutiin Bilisummaa Oromoo dhugoomsu, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) jaarmayaa ABO jalatti ijaaramuu isaatiin sochiin qabsoo Oromoo daran abdachiisaa bifa ta‟een eegalame.
    ABOn akka jaarmayaatti Bara 1973 uumame. Bara 1974 immoo Sagantaa siyaasaa(Political program) isaa qopheeffatee, bara 1976 Sagantaa Siyaasaa isaa kan akeeka Siyaasaa “Mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Ummata Oromiyaa ijaaruutiin Hiree-murteeffannaa Oromoo mirkaneessina” jedhu raggaasifate. Sagantaa siyaasaa ABO sana keessatti, Akeeka siyaasaa kanaan alatti, akeekni dhimmoota akka dinagdee, hoji-dhabdummaa, gargaarsa dhibdee hawaasaa, barnootaa, fayyaa, wal-qixxummaa, ittisa roorroo fi dippiloomaasii bifa ifaaf hawwataa ta‟een kaa‟amanii jiru.
    Akkuma uumameen, qabsoo farra-kolonii, farra fiwuudaalii fi farra-impeeriyaalizimii, riphe-loltummaatiin geggeessuu cinaatti, Qubee Laatinii sirna barreeffama Afaan Oromootiin oolchuutiin itti dhimma bahaa tureera. Akka jaarmayaatti dhimma itti bahuu qofaa osoo hin taanes, karaa al-idilee ta‟een sirna barreeffama Qubee Afaan Oromoo kanaan, Afaan, Aadaa, seenaa fi eenyummaa Oromoo fi Oromiyaa uummata Oromoo barsiisuun, akka uummatichi ofbaree Tokkummaan qabsoo sirnaawaa(Formal) ta‟e kan jaarmayaa ABOn durfamu kana hubatu taasisuun, „Dhaloota Qubee‟ oomishuu danda‟e.
    Jaarmayaan gudeelcha uummatichaa keessaa, roorrootiin roorroo keessatti roorroo buqqaasuuf dhalate
    ABOn, hanga Koree-giddugaleessaa fi Hayyu duree isaa jalqabaa filatutti, Adoolessa 1,1973tti, Birkii Qindeessituu Waaltaa (Central Coordinating Body) kan Jeneraal Taaddasaa Birruutiin durfamu tolfate. Birkiin Qindeessituu Waaltaa kun miseensota akka Magarsaa Barri, Baaroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu fi namoota biroo fa‟a ta‟us sirni garboomfataa, Jeneraal Taaddasaan hidhuutiin qabsoo sabichaatti qormaata ta‟uu eegale. Mana hidhaa Galamsoo keessaa miliqee ba‟ullee, Jeneraal Taaddasaa bara 1976 sirna garboomfataan ajjeefame.
    Magarsaa barii(1942-1981), nama Yuuniversiitii Finfinnee irraa digirii jalqabaa isaa bara 1971tti qabxii olaanaan xumure yoo ta‟u, qabsoo Oromoo cinaatti, ogummaa isaatiin hojii mootummaa Hailesillaasee tajaajilaa waan tureef beekumsa,beekkamtii, muuxannoo fi gahumsa ammayaa guddaa qaba ture. Muuxannoo, beekkamtii fi beekumsa ammayaa qabutti dhimma bahuun, ABOtiif hojii dippiloomaasii biyyoota ollaa waliin tolcheen meeshaa waraanaa dhoksaan seensisuutiin, WBOn meeshaa waraanaa hidhachuutiin akka jabaatu shoora olaanaa taphate.
    Kora Sabaa ABO isa jalqabaa bara 1976 taa‟ameenis, Hayyu-Duree ABO jalqabaa ta‟uun kan filame, hambaa calii-calanqoo fi siidaa aanolee,Magarsaa Barii Tufaa ture. Magarsaa dabalatee Ajajoonni olaanoo Shan filaman: Baaroo Tumsaa, Muhee Abdoo, Leencoo Lataa, fi Gadaa Gammadaa turan. Dirqama itti kenname haala gaariin bahachuun, Waggoota shaniif kaayyoo dhaabichaa sirriitti tarkaanfachiisuun, Oromoon akka sabaatti tokkummaan socho‟uu akka danda‟u taasise. Erga Elemoo Qilxuu wareegamee, Hoogganaa olaanaa WBO yeroo sanaa kan ture Jaarraa Abbaa Gadaa, hooggana Magarsaa jalatti waraana jabaa ijaaruun sochoosuu danda‟ee ture. Uuamamee waggoota 8 hin caalle keessatti ABOn hundee Sabboonummaa Oromummaa Walabummaa Biyya Oromiyaa irratti qiriixan.
    Walumaagalatti, barri 1973 bara ABOn akka jaarmayaatti itti uumame yoo ta‟u, baroonni 1973-1981 jiran ammoo baroota kaayyoon dhaabichaa (Walabummaan Oromiyaa), sabboonummaan Oromummaa fi Qubeen Afaan Oromoo onnee Oromoo keessatti uumame dha. Baroota 1973-1981 keessatti ABOn akka laphee uummata Oromoo keessaa baduu hin dandeenyetti akeeka Walabummaa Oromiyaa irratti uumame.
    Magarsaan,Qabsoo riphe-loltummaa kan icciitiin faayamte geggeessuutiin dachee Oromiyaa mara waliin gahuuf tattaafachuu cinaatti, bara 1981, hojii dippiloomaasiitiif qondaalota dhaabichaa biroo waliin gara
    Somaaliyaa imalan. Haa ta‟u malee, Eebila 15, 1981 Gammoojjii Shinniiggaa keessatti, affeerraa shiftoonni Ziyaad Barree, Tokkummaa Oromoo amantaatiin facaasuuf isaaniif dhiyeessan diduutiin, ergama dippiloomaasii isaanii dhiisanii, ergama Tokkummaa Oromootiif siidaa dhiigaaf lafee kan Oromummaa irratti hundaa‟e dhaabanii wareegaman. Barri uumamuu ABO, kun bara itti Tokkummaan Oromoo, Oromummaa Orom-biyyummaa irratti akka ijaaramuuf hundeen isaa dhiiga, lafee fi lubbuu Goototaatiin
    ijaaramedha. “Oromummaan bakka lamatti qoodama. Isaanis, Oromummaa Oromuumaa(Local):sabummaan Oromoo ta‟uu fi Oromummaa Orom-biyyummaa(National):Biyyummaa
    Oromiyaatti amanuu dha”Professor ASAFA JALLATA
    Kana malees Magarsaa Barii fi qondaalonni isa waliin shinniiggaatti wareegaman, jaarmayaa guddicha Oromoo fi Oromiyaa, ABO, akka sabichaa fi biyyicha gitutti geggeessaa turuun, dhagaa bu‟uuraa Guyyaa Gootota Wareegamtoota Gootota Oromiyaa (Oromian Martys Day) dhaabanii darban.
    II. Butamuu ABO (1981-2018)
    Namoonni hedduun “Qabsoon Oromoo bara 1991 ykn 2018 butame” yeroo jedhan dhageenya. Haa ta‟u malee, wantoonni bara sana mullatan mallattoolee butamuu jaarmayaa qabsoo Oromoo geggeessuu, ABO, ti. Barri 1981 gama tokkoon bara itti Siidaan Walabummaa Oromiyaa, Tokkummaa Oromoo fi Guyyaa Gootota Oromiyaatiif itti kaa‟ame wayita ta‟u, gama biraan ammoo bara itti qabsoon Oromoo ABOtiin durfamu, hoogganoota gahumsa qaban dhabee fi namoota gahumsa hin qabnee fi kaayyichatti hin amanneen akka salphaatti butamuuf saaxilame dha.
    Erga Hayyu-dureen isaa jalqabaa fi qondaaloti olaanoo wareegamanii booda, jaarmiyaan ABO butamee bifa irratti baramuun nama rakkisuun kaayyoo isaa irraa foxxoqfame maqumaaf jiraataa ture. Hoogganoonni ABO bara butamuu ABO kanatti turan, sagantaa siyaasaa ABO, Walabummaa Oromiyaa, “Faranjiin nutti kolfiti” jechuutiin itti qaana‟uu eegalan. Kana malees, “Humna waraanaan Hiree-murteeffannaa Oromoo mirkaneessina yoo jenne, Itoophiyaan sooriyaa taati” jedhaniis impaayera kolonii mararfatu. Walabummaa Oromiyaas qabxii falmii siyaasaa godhachuun, jaarmayaa ABO gara Paartii siyaasaatti gadi-xiqqeessan. Jaarmayaan Oromoo fi Oromiyaa, ABOnis, Paartii namoota siyaasaa muraasaa ta‟uuf diqame.
    Yeroo kana jennu, ABOn akka paartii siyaasaatti, guutummaatti hojii kamuu hin hojjenne jechuu osoo hin taane, akka jaarmayaa siyaasaa Oromoo fi Oromiyaatti, waan akeekkate galmaan gahuu hin dandeenye jechuudha. Bara uumamuu ABO 1973-1981 irra bifa hammaataa ta‟een, keessaa fi alaan qabsaa‟onni haqaa aarsaa ulfaataa kan baasan bara butamuu ABO 1981-2018 kana keessattidha. Barri butamuu ABO kun, bara seenaa xuraa‟aa WBOn walii isaanii itti waraanee, hanga seenaa gootummaa gootonni akka Laggasaa Wagii itti diina dura dhaabbataa turan of-keessaa qaba.
    Bara butamuu ABO (1981-2018) kanatti, mallattoolee butamuu jaarmayichaa, ilaalcha qaamonni alaa ABOf qabanii fi Taatewwan keessoo ABOtti qoodnee ilaaluu dandeenya.
    Taatewwan keessoo ABO fi Oromoo
    • Hoogganoonni ABO dirqama qabsoo isaanitti kenname, akka aangootti ilaaluun, namoota of-jalatti ijaaranii of-faarsisiisuun kaayyoon ABO ganamaa(Walabummaan Oromiyaa) akka dagatamuu fi diinni tooftaa OOCtti dabalataan, tooftaa “ABOn ABO Cabsuu-AAC” qaawwa akka argatu saaxilan.
    • Hoogganoonni Walabummaa Oromiyaatti hin amanne kun, durumaa-duubaan, dhaaba ABO fi kaayyoo isaa irraa foxxoqanii dhaaba biraa ijaarrachuutiin, fedhii impaayera itoophiyaa dimokiraatessuu isaanii sana, hanga Oromoon itti baree lagatee tufnaan badanitti, dheebuu aangoo isaanii agarsiisaa turaniiru.
    • Impaayerri Itoophiyaa yoo humna waraanaan qabsoofnee lolle akka Sooriyaa taati jechuutiin Impaayera kolonii mararfachuutiin dhiiga, lafee fi lubbuu ilmaan Oromoo maqaa ABO fi kaayyoo
    ABO ganamaa irratti akka baalaa harca‟anii xiqqeessuun alatti barbaachisummaa WBO gadi-buusan. Bara butamuu ABO kana keessatti, WBOn lola ofirraa ittisuu (defensive operation) darbee darbee dhaga‟amu irraa kan hafe waraana ofiin-rukkutuu (offensive operation) geggeessee hin beeku.
    • Kaayyoo ABO ganamaa kan Mootummaa uummata Oromiyaa ijaaruutiin hiree-murteeffannaa Oromoo dhugoomsina jedhu, fedhii impaayera Itoophiyaa dimokiraatessuu isaaniitiin maqsuun,
    Hiree-murteeffannaa hiika balleessuutiin, “Oromoon yoo fedhe Itoophiyaa(kolonii), yoo fedhe
    ammoo Oromiyaa(Walabummaa) akka filatuuf qabsoofna jechuun burjaajii hamaatiif karra saaqaa turan. Uummata Oromoo akka uummata gowwaa hireen isaa kolonii akka ta‟u murteeffatuutti lakkaa‟an. Ilaalchi maseenni „impaayera dimokiraatessuu‟ jedhu akka jabaataa deemu tumsan.
    • Bara 1991 fi 2018tti qabsoo Oromoo gudunfuu wanti hanqatameefis, Uummanni Oromoo, akkuma
    1970moota keessa barsiifametti, ABOn Oromiyaa walaboomsa jedhanii abdachuu fi Hoogganoonni ABO kaayyichatti hin amannee immoo faallaa isaa akeeka itoophiyaa dimokiraatessuu jedhu qabatanii deemuun, fedhii uummataa gituu dhabuu isaaniitiin.
    • Baroota kana keessa Korri sabaa 3 geggeeffamus, hoogganoota muuddachuun alatti, murtoo addaa kan lafarratti mullatu, Oromoo fi Oromiyaa baraaru dabarsuu hin dandeenye.
    Ilaalcha qaamonni alaa ABOf qaban
    • Qorattoonni biyyoota adii Hoogganoota ABO kaayyichatti hin amanne kana wabeeffachuun, “ABOn dhaaba waan qabsaa‟uuf hin beeknedha: Oromiyaa of-dandeessee(independent Oromia) moo Itoophiyaa dimokiraatofte(Democratized Ethiopia) kan jedhurratti ejjennoo dhaabbataa hin qaban” jedhanii dhaabicha ija shakkiin ilaaluu eegalan. Kana malees, Oromiyaanonni gara bahaa jiran Walabummaa Oromiyaaf kan gaman yoo ta‟u, kanneen Lixa Oromiyaarra jiran immoo Itoophiyaa dimokiraatessuutti amanu jechuutiin, ilaalcha hooggantoota ABO yeroo kanaa akka ilaalcha Oromootti dimshaashessaa turan.
    • Qabsoon Abbaa Biyyummaa kan uummanni Oromoo, kolonii Abisiiniyaa buqqisuun, Walabummaa (Liberation) biyya isaa Oromiyaa mirkaneessuun,Hiree-murteeffannaa isaatiin bilisummaan (freedom) jiraachuuf taasifatu sirriitti ibsuu dhabuutiin ykn maal-dhibdeetiin, akka qabsochi qorattoota adii biratti sochii foxxoqiinsaa (secession) fakkaatee hubatamuutiin “biyya diiguu” jedhamee qoollifatamu taasifame.
    • Hoogganoonni ABO kaayyichatti hin amanne kun, wayita jaarmayichi yakkoota adda addaatiin maqa-balleessiitiin himatamu deebii kennuu dhiisuutiin caalaadhumatti dhaabichi akka shakkamu taasisaa turan. Kanumaafuu ABOn waggoota 20 oliif shorokeessaa jedhamuu isaatiin Oromoon hedduun ittiin daguugamaa turan.
    • Qondaalli Wayyaanee tokko televejinii Aljeziraa irratti, “ABOn waggoota shantamaaf maqaa Oromootiin socho‟aa ture, garuu Oromoo fi Oromiyaaf waan tokkollee hin hojjenne” akka jedhu kan taasise duubatti harkifannaa saffisa qabsoo bara butamuu ABO kanati.
    • Baroota 1990 keessa, Waliigaltee Shaabiyaa fi Wayyaanee waliin taasifamu irratti ABOn
    Hooganoota gahumsa hin qabnee fi kaayyoo ABOtti hin amanneen waan geggeeffamuuf, dhaabichi dhaaba ejjennoo hin qabne ta‟ee mullachuu isaatiin miseensota waraana dargii Oromoo ta‟an akka ofitti hin fudhanne itti-waliigaluu isaatiin, Oromoonni waraana dargii keessa turan meeshaa diinaa ta‟uutiin OPDOn diinaan ijaaramtee, malli “Oromoon Oromoo Cabsuu-OOC) jedhu sun daran jabaatee akka itti fufu qaawwa diinaaf uuman

Baroota 1981-2018 wayita ibsan namoonni “ABOn hoomaa leencotaa korbeessa hoolaatiin geggeeffamu ture” jedhu. Hoolaan marga barbaada, leenconni foon barbaadu. “Walabummaa Oromiyaa(Foon), Itoophiyaa Dimokiraatessuu(Marga)” Haa ta‟u malee hoolaan sun aangoo waan leencota sana irratti qabuuf, leencota sana marga nyaachisaa, ykn warra marga nyaachuu didemmoo biyyee nyaachisaa ture jechuudha.

Walumaagalatti, 1981-2018tti, Hoogganoonni kaayyoo ABOtti hin amanne, jaarmayaa ABO butuun, dhaabicha, akeeka siyaasaa isaa gargar foxxoqsuun deemsisaa turan.

Fofoxxoqiinsi ABO keessatti yeroo 10 oli baroota kana keessa mudataa ture hundi, hoogganoota olaanoo ABO yeroo sanaatiin kan durfamu ture. Sababiin fofoxxoqiinsa ABO inni guddaanis, hundeen isaa akeeka siyaasaa ganamaa, Walabummaa Oromiyaa irraa maqfamuu isaati.
III. Deebi’ee uumamuu ABO (2018-Present)
Bara 2017 gara dhumaa, oduun “ Waraanni Hoogganoonni ABO hin hoogganne tokko kan Oromiyaa keessa socho‟u jira” jettu darbaa dabarsaan dhaga‟amti ture. Osoo hin turiin,Hayyu-duree dabalatee, hoogganoonni ABO fulbaana 15, 2018 Ertiraa irraa ka‟uun Karaa Boolee Finfinnee galan. Mootummaa Itoophiyaa galateeffatanii, boordii filannoottis galmaa‟an. Waraana kamuu hoogganaa akka hin jirre kakatanii oduu darbaa dabarsaa sanas dhugoomsan.
Erga hoogganoonni ABO sun waraana hooggannu hin qabnu jedhanii, golee Oromiyaa kibbaa fi lixaa keessaa humni jabaatee lolu ofmullisuu eegale. Uummanni itti siqee wayita hubatu, akka jedhamu waraana hooggana hin qabne osoo hin taane, mammagaallan qallayyoo ilmaan irbuu Shinniiggaatu diina dura dhaabbachaa jira.

Eenyutu hooggana jennaan, Barataa Yuuniversiitii Finfinnee duraanii tokko maqaan olkaatee dhaga‟amuu eegalte. ABOn bara 2018tti bosona Oromiyaatti deebi‟ee uumame(reformed). Bara 2021tti immoo Kora Sabaa (Kora Guddaa ABO-WBO isa jalqabaa) kan WBOn golee Oromiyaa hundarra jiruu fi qaamolee hawaasaa garaagaraa hirmaachise Gimbiitti geggeeffate. Koricha irraatti hoogganoota ofii isaa dirree irraa filachuu cinaatti, murtoowwan kaayyoo ABO butamsa keessaa baasan, uummata burjaajii keessaa baasanii fi qabsocha shaffisiisan dabarse. Jaal Marroo Dirribaa fi Jaal Gammachuu Abbooyyee dabalatee, Ajajoonni olaanoo Shan ( sadii ammaaf hin beekamne) korichaan filaman. Osoo oolee hin buliin, ABOn duraan laphee Oromoo keessa malee lafarra hin jiru jedhamaa ture, lafa Oromiyaarra akka galaanaa dhangala‟uu eegale.
Agarsiiftuwwan bara 2018 hanga ammaatti deebi‟ee uumamuu ABO mirkaneessan:
• Siyaasa baqattummaa hanbisuun golee Oromiyaa keessaa ofiin socho‟uu ABO
• Murtoo Kora isaa bara 2021tiin, Akeeka siyaasaa ABO kan bara 1976 raggaasifame irratti deebi‟uu jarmayichaa
• Kaabinoota, miseensotaa fi waraana garboomfataa dabalatee, Dhalattoota Oromoo hundaaf, ABO waliin ta‟uun biyya isaanii Oromiyaaf akka qabsaa‟an waamicha Oromummaa taasisuun qaawwa “Oromoon Oromoo Cabsuu-OOC” fi “ABOn ABO Cabsuu-AAC” diinni itti dhimma bahaa ture cufuu ABO
• Golee Oromiyaa keessatti waraana leenjisee lolee lolchiisuu fi dippiloomaasii ofirratti hirkataa tolfachuu danda‟uu ABO

DHAAMSA MAAYII:
Hanga kolonii Abisiiniyaa jalatti cabdutti, Oromiyaan Biyya Mootummaa mataa ishee Dimokiraasii Gadaatiin geggeessitu turte. Qabsoon Oromoo qabsoo Abbaa Biyyummaati. Mirgi Hiree murteeffannaa Oromoo, akkuma biyyoota addunyaa kanneen kolonii jalaa walabummaa biyya isaanii gonfataa turaniitti, Biyya Oromiyaa kolonii impaayera itoophiyaa jalaa walaba baafachuu qofaan malee tarsiimoo biraatiin dhugoomuu hin danda‟u.

Oromoon osoo biyya hin qabaatiin, mirga hiree-murteeffannaa qabaachuun akka hin danda‟amne hubachuu qaba. Qabsoon Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoof taasifamu kun ammoo, kaayyoo fi tarsiimoo ABO ganamaa qofaan galma gahuu danda‟a.

Toorri imala Walabummaa Oromiyaa fi Hiree-murteeffannaa Oromoo ammoo, Jaarmayaa ofii jalatti Humna ijaarrachuutiin eegala. Humna ofiitiin Mootummaa ijaarrachuu, mootummaa ofiitiin Biyya ofii deebisanii ijaarrachuu, Biyya ofii keessatti ammoo Hiree-murteeffannaa ofii mirkaneeffachuu qofaan dhugooma.

Oromoon akka sabaatti, jaarmayaa baayyina Oromoo fi ballina Oromiyaa madaalu, ABO qaba. Jaarmayaa wareegama ijoollee isaatiin ijaarame kana jalatti Humna ijaarrachuuf ammoo Oromoon Tokkummaa isaa kan ilaalcha siyaasaa, amantaa fi kutaa irraa walaba ta‟een, Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo qofaa irratti hundeeffachuu qaba. Tokkummaa Oromummaa Orom-biyyummaa isaa jabeeffachuutiinis tooftaa diinni jaarraa hedduuf itti dhimma bahuun Oromiyaa koloneeffatee fi kolonii isaa jabeeffataa ture,
“Oromoon Oromoo Cabsuu-OOC” irrattis dammaquun fashalsuu qaba. Oromoon Oromoof diina ta‟e akka hin jirre hubachuun, Oromoota diinaaf ergaman barsiisuu fi gorsuutiin OOCtiif akka diinni qaawwa hin arganne gochuu qaba.
Oromoon uummata hammataa saboota adda addaa ofitti qabu waan ta‟eef, Oromiyaan biyya sabaafi sablammootaati. Waan ta‟eef, Uummanni Guddichi Gaafa Afrikaa Oromoon, Lammiilee Oromiyaa (Oromiyaanota) Oromoo dabalatee,saboota adda addaa Oromiyaa keessa walabummaa fi Birmadummaa
Oromiyaa kabajanii jiraatanis ta‟e uummatoota ollaa Oromiyaa jiraatan waliin Tokkummaa Oromummaa Orom-biyyummaa, kan Biyyummaa Oromiyaa irratti ejjennoo tokko qabaachuurratti bu‟uure cimsachuu qaba. Wal-ta‟insi (Alliance) ykn Dippiloomaasiin kamiyyuu, Tokkummaa Orom-biyyummaa Oromiyaanotaa (Oromians National Unity) kan kabaju ta‟uu qaba Jaarmayaan Oromoo, Oromiyaanotaa fi Biyya Oromiyaa, ABOnis Tooftaa diinni ABO gargar cabsee, “ABOn ABO cabsuu-AAC” bara butamuu ABO itti dhimma bahaa ture irratti dammaquu fi fashalsuu qaba. Ammallee Hoogganoonni fi miseensonni ABO bara butamuu ABOtti faayidaa argataa turan tokko tokko bara deebi‟ee uumamuu ABO kanatti gammadoo waan hin taaneef, meeshaa diinaa ta‟anii wayita tajaajilan mullatu.

Kanaafuu, Oromoon, qaamota Tokkummaa Oorm-biyyummaa Oromiyaanotaa akkasumas Hoogganoota ABO-WBO gidduutti summii diigumsaa biifuu barbaadanu kamuu irratti dammaquun Kaayyoo fi Wareegama qabsoo isaatii tiksachuu qaba.

Oromiyaan Biyya!

Exit mobile version