Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Amajjii tokko guyyaa WBO waraana bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoon Oromiyaa bakkeewwan hedduutti kabajamee oole 

ONM-ABO Amajjii 2, 2024

Amajjiin tokko ayyaanota Oromoo keessaa tokko yeroo ta’u, qabsa’oota Oromoo, sabboontota fi uummata Oromoon waggaa waggaan haala hoo’aa ta’een kabajama.

Amajjiin tokko gaafa kabajamu waa  lamaani innis bara jijjiirraa fi guyyaa injifannoo waraanaa bilisummaa Oromooti.

Amajjiin tokko gaafa yaadatamu adda dureedhan jaal Elemoo Qilxuu kan yaadannuudha. Innis jaal Elemoo Qilxuu impaayera Itoophiyaa keessatti karaa tokkichi uummanni Oromoo ittiin bilisa ba’u afaan qawween akka ta’e waan itti amaneef innis meeshaa fi humna waraanaa riphe lolaa baha Oromiyaa Carcar Xirroo keessatti hundeen gad dhaabuuf murteesse.

Inni kun ammoo mootummaa dargiitti mata bowwuu waan itti ta’eef 1979 gara dhumaa jalaa waraana humna guddaan dhabamsiisuuf itti duulame, jajjabeen WBOs jabina akka sibilaan duula waraana dargii sana aarsaa hedduu erga itti kanfaleen booda injifachuu danda’e.

Waraanni bilisummaa Oromoos bara 1980 dirree bahaatti walitti dhufun kora guddaa  taa’aniin Amajjiin tokko guyyaa injifannoo WBO akka ta’u ragaasifame.

Ayyaanni Amajjii tokkoo kun baranaan waggaa 44f  kan kabajame yoo ta’u gootichi abdii sabaa dirree qabsootti uummata Oromoo waliin bakkeewwan hedduutti kabajee oolera.

Akkasuma sabboontotni ilmaan Oromoo bobaa diinaa jala ta’uun Oromiyaa iddoo adda addaatti Akkasuma biyya ambaattilee haala hoo’aa ta’een kabajamee ooleera.


Exit mobile version