ONM-ABO Muddee 27, 2025
Paartiin Badhaadhinaa torbanoota sadan darban dura aanaalee Oromiyaa guutuu keessaa gara godina isaaniitti walitti dhufuun mariirra akka turan isiniif gabaasnee kan turre oggaa ta’u, mareen isaan godinatti geggeeffachaa turanis yeroo ammaa akka aanaatti gadi bu’uun guyyaa gaafa Muddee 26, 2025 aanaaleetti waltajjii baldhaan eegalee jiraachuu odeessi keessoo sirnichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.
Mata dureen leenjichaas labsii gubaa injifannoo mootummaa Ida’amuutiin ilaalama biyyaa jedhu irratti akka ta’es kan himamu, akka injifannoottis wantoota waggoottan kana keessa argaman jedhanii yaadan hedduu kaasuun leenjii miseensota paartichaaf kennaa akka jiranis addeeffameera.
Akka hirmaataan waltajjichaa tokko bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada isaa qoode ibsutti galma paartii Badhaadhinaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti ganama irraa kaasee hanga sa’a 9:00 waaree boodaatti wal barsiisaa akka turan kaasuutiin mata dureewwan caqafamanii fi dubbiin lafa irratti argamu haalaan akka wal faallessus itti dabaluun ibseera.
Hirmaattonni paartichaa gulantaa addaa addaa irra jiran kan hirmaatan ta’us, yaadota isaaniif dubbifamu dhaggeeffachuun kan hafe gaaffiin siyaasaas gaafatamuu akka hin dandeenyee fi sodaachisni akka tures dabaluun dubbata.
Mata duree Labsii gubaa injifannoo mootummaa Ida’amuutiin ilaalama biyyaa jedhu kana jalattis qabxiilee akka:
- Biyya keenya galaana aannanii goone,
- Buphaa (killee) baay’inaan horsiisnee badhaadhomsine,
- Waraana Bilisummaa Oromoo lakkoofsaan bira gahuu hin danda’amne harka mootummaatti galchineerra,
- Kanneen hafan ammoo akka isaan hundee godhachuu hin dandeenye irraan geessifnee jirra jechuun barnoota kennaa akka turanis itti dabaluun ibseera.
Murni sobaan Badhaadhinaa labsuu fi egeree lammiilee nagaa waraana hin dhaamne keessatti kuffisuuf hamilee dadhabaa irratti waltumsu Bilxiginnaan yeroo itti uummanni kan dura guyyaatti sadii nyaatee bulu, gara guyyaatti yeroo tokko qofaa argachuun cimee jirutti deebiyee uummanni impaayera Itoophiyaa haala ulfaataa keessa jirutti misooma sobaa odeessuun gabaasa dharaa waliif dhiyeessaa jiranitti haati ilmaan ishee waan nyaachiftu dhabdee kufaatii hamaa keessatti akka kuftee jirtu gabaasaaleen haala jireenya uummatichaa wabeeffachuun bahaa jiran ni addeessu.
Gama Waraana Bilisummaa Oromootiin gabaasa lakkoofsaan hedduu galchinee fi balleesineerra jedhu waggoottan keessatti yeroo dheeraa waliif dhiyyeessuun abjuu dhokataa fi mul’ata dadhabaan of kuulanii kan dubbatan ta’us, dhugaan qabatamaan lafa irratti argamu Waraanni Bilisummaa Oromoo kan duraa irra dachaan aanga’ee faana isaa guutuu Oromiyaa keessatti babaldhifachuun karra shanan Finfinnee dabalatee tarkaanfii hadhooftuus irratti fudhachaa jiraachuun dhugaa addunyaan beektuu fi ifa-galaa ta’uunis kan wal nama hin gaafachiisneedha.

