Hojjettootni bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa miindaa guutuu erga fudhatanii bubbulu dubbatan.
ONM-ABO Hagayya 9, 2022 Murni bilxiginnaa sababoota garaagaraa uumuun hojjettoota mootummaa qaala’iinsi jireenyaa rakkisaa jiru irraa miindaa isaanii guutuu kan ji’a ji’aan irraa citu deggersa raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhanii fi hidha guddicha laga Abbayyaatiif jechuun murni bilxiginnaa fudhatuun jireenya isaanii geggeeffachuu dadhabuu dubbatu.
Hojjettootni waajjira mootummaa naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessa jiran yeroo darbe lola kaaba impaayeerattiitti geggeeffamaa tureef deggersa raayyaa ittisa biyyaa jechuun miindaa ji’a tokko kan irraa kutan yoo ta’u, miindaa guutuu osoo hin fudhatin dhibbantaan kafalaa hanga ji’a Adoolessaatti ga’uu ibsaniiru.
Hojjettootni waajjiraalee tokko kafaltii kana baatii Waxabajjiitti fixuun miindaa ji’a Adoolessa qofa guutuu kan kan argatan yoo ta’u gariin ammoo akkuma sana ofirraa fixaniin deggersa hidha guddicha laga Abbaay jechuun marsaa biroof miindaa kutuun itti fufee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Marsaa kanaanis namni kamuu hidha guddicha laga Abbayyaaf miindaa kan kutu yoo ta’u haala qaala’iinsa jireenyaa impaayeerattii mudatee jiruun hojjettootatti jireenya daran akka ta’u ni eegama.
Kana malees waajjiraaleec mootummaa naannoo Oromiyaa ofiin jedhu keessa dhimma nageenyaa jechuun qaamolee nageenyaa kanneen ofiin jedhan durgoo baafatanii fiiguu malee hojiin idilee tokko akka hin jirree fi waajjirri hojii mootummaa jedhuma caasaa hojii aanoolee fi godinoota irraa qabu deemee hojii hojjechaa akka hin jirree fi namuu gabaasa sobaa waliif dabarsaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti dabaluunis hoggantoota bilxiginnaa naannichaati kanneen ofiin jedhan garee ijaaranii wal irratti duuluu malee beela kibba, kibba baha Oromiyaa fi baha Oromiyaa mudatee jiruuf illee uwwisa miidiyaa dhorkatanii dhoksuuf yaalaa osoo jiraniif dho’ee ba’uun daranuu isaan dhiphisee jira.
Hojjettootni rakkoo jireenyaaf saaxilamuun rakkachaa jiran rakkoo isaanii kana iyyachuuf doorsisa maqaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jedhu kan sodaatan yoo ta’u isheedhuma cittee argamtu sana argatanii ofii fi lubbuu maatii isaanii achi butuuf galmee to’annoo irratti mallatteessuu fi suura to’annoo dijitaalaa ka’uuf qofaaf akka dhaqaa jiran maddeen dabaluun addeessaniiru.

