Baha Shaggar ona Boosat keessatti waraannii fi dabballoonni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuu fi saamaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Hagayya 24, 2022 Godina Baha Shagar aanaa Boosat magaalota kanneen akka Doonii, Nuuraa Heeraa fi Booleetti nageenya kabachiisna maqaa jechuun ilmaan waraana murna faashistii bilxiginnaan dararaa hamaa argaa jiru.
Haaluma kanaan magaalota kanneen keesea yeroo hundaa walgahiidhaan namoota kan rakkisan yoo ta’u sabboontoota ilmaan Oromoo hedduu qabanii murtoo tokko malee hidhaan dararaa jiru.
Ona Boosat keessatti gargaarsa dhaabbanni dhuunfaa NTCM jedhamu taasiseen magaalaa Boolee keessatti daandii keessa keessaa kiiloomeetira 1 qulleessuu fi cirracha uwwisuu qarshii baajata 950,000 ( kuma dhibba sagaliif shantama ) hojii kanaaf kennamee ture tajaajila yaadameef irra osoo hin oolin kaabinoonni aanicha maallaqicha gargar qooddatanii jiru.
Maallaqa deggersaa dhaabbilee miti mootummaa irraa argamu dantaa dhuunfaaf oolfachaa karaa biraa ammoo uummata ofiifuu qaala’iinsi jireenyaa miidhe deggersa maallaqaa qaama nageenyaaf taasisaa jechuun uummaticha dirqisiisaa jiru.
Deggersi kun akka godina Baha Shaggaritti yoo ta’u , hojjataan mootummaa qarshii dhibba Shan ji’a lamaaf, jechuun Hagayyaa hanga Fulbaanaatti jedhamaanii jira.
Hojjettootni mootummaa kanaan duras sababa lola kaaba impaayeerattiin deggersa raayyaa ittisa biyyaa warra ofii jedhaniif jechuun miindaa ji’a tokko irraa kutuun baatii darbe parsantiin kan ofirraa xumuran yoo ta’u, ammas osoo hin turin deggersa qaama nageenyaa fi hidha laga Abbaay jechuun waajjira mootummaa keessatti hojjettoota dhiphisaa jira.
Murni bilxiginnaa dararaa uummataa fi hojjettoota mootummaatti haa hammeessu malee, hojjettootni mootummaa miindaa argatan saboota garaagaraan waan irraa citaa jiruuf qaala’iinsa jireenyaa dandamachuu dadhabuun yeroo darbe barsiistootni yuuniversitii impaayeerattii keessaa cufti dabalatni miindaa akka ta’uuf gaafatanii, yoo ta’uufii baatee lagannaa hojii akka taasisan baatii Adoolessaa keessa waraqaa waajjiraalee federaalaa dhimmi ilaallatutti galchanii jiraachuun ni beekama.

