Baha Shaggar ona Boosat keessatti waraanni murna bilxiginnaa beelladoota qonnaan bultoota saaman.
ONM-ABO Hagayya 20,2022 hannaaf maqaa mootummaan of ijaare murni bilxiginnaa godina baha Shaggar ona Boosat keessatti waraana isaa itti bobbaasuun qabeenya qonnaan bultootaa saamsisaa jira.
Dheengadda Hagayya 18,2022 ona Boosat ganda Hurufa Kurukufaa keessaa beelladoota qonnaan bultootaa re’oota, hoolotaa fi sangoota saamanii jiru.
Qonnaan bultootni beelladootni isaanii jalaa saamame kun obbo Hawaas Hirphaayee, Tufaa Bosee, Daallee Babasaa, Qumbii Gammadaa fi Lammii Waaqayyoo kanneen jedhaman jalaa ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Kana malees gandicha keessaa namoota qabanii of bira tursuun maallaqa kafalanii akka gadhiisisan gochaa kan jiran yoo ta’u dabartoota Oromoo gandichaa irrattis yaalii gudeeddii raawwaachaa akka jiran himameera.
Ona Boosat keessatti ilmaan Oromoo humnoota finxaaleyyii Amaaraan badii tokko malee yeroo ajjeefaman kan callisu waraanni murna bilxiginnaa, as deebi’ee saba nan dhaabbadheef jedhee ololu irratti ammaa saamicha, ajjeechaa fi hidhaa geggeessaa jiraachuu gabaasaan achi keessaa ba’u ni addeessa.

