Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar ona Boosat keessatti waraanni faashistii PP manneen namootaa gubuun nama tokkos ajjeesan

ONM-ABO Sadaasa 22, 2023

Waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo dararuuf bakka cufatti bobbaafaman Dilbata darbe Sadaasa 19, 2023 godina Baha Shaggar ona Boosat ganda Qaawwaa Haraa Meerqasaa fi Saffii keessatti manneen gubuu fi ajjeechaa raawwatanii jiru.

Haaluma kanaanis Dilbata darbee fi kaleessa ganda Qaawwaa Haraa Merqasaa bakka Kaarraa fi mana barumsaa Haraa jedhamu biratti manneen qonnaan bultootaa100 ol qabeenya mana keessaa waliin gubanii barbaadeessanii jiru.

Kana malees qonnaan bultoota gandichaa jalaa loowwan 25 kan fudhatan yoo ta’u, isaan keessaas kan maqaa arganne Mahaammadamiin Haji Kuyyuu fi Galatoo Nuuraa ti.Obbo Galatoo Nuuraa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhamuun waajjira poolisii aanaa Boosatitti erga badii isaanii malee hidhamanii bubbuleera.

Waraanni maafi’aa PP kun saamichaa fi manneen gubuu raawwataniin alattis aanichuma ganda Saffii keessatti ammoo dheengadda Sadaasa 20, 2023 galgala toora sa’a 1:00tti Sheek Huseen Galdoo nama jedhamu rasaasaan rukutuun ajjeesanii hanga gabaasni kun qindaa’etti reeffa dhorkatanii turuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version