Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii lixaa aanaa Dodolaa keessatti barsiisota irraa humnaan deggersa Waldaa Misooma Oromiyaa jechuun miindaa isaanii kutuuf kallattii kaa’uun dhagaa’ame

Godina Arsii lixaa aanaa Dodolaa keessatti barsiisota irraa humnaan deggersa Waldaa Misooma Oromiyaa jechuun miindaa isaanii kutuuf kallattii kaa’uun dhagaa’ame.

ONM-ABO Mudde 7, 2022
Murni bilxiginnaa saamichaa maallaqaa gita hawaasaa mara irratti raawwatu itti fufee jira. Gareen saamichaaf of gurmeesse kun godina Arsii lixaa aanaa Dodolaa bulchiinsa magaalaa Dodolaa keessatti barsiisotaan miindaa keessatti irraa deggersa Waldaa Misoomaa Oromiyaa kuttu jechuun dirqamaan kallattii kaa’aniiru. Waltajjii har’a magaalaa aanichaa Dodolaa keessatti taa’ameen qaala’insa jireenyaa amma jiru irratti barsiisotni maallaqa isaan ga’aa hin jirre kanaan deggersa akka godhaniif dirqiisanii jiru. Deggersa WMO kana barsiisota magaalaa Dodolaa qofa osoo hin taane aanittii guutuun kan kaffalan yoo ta’u waldaan kun garuu Oromiyaa keessatti uummata irraa maallaqa guuruu malee waan qabatamaa tokko Oromoof hin dalagne. Barsiisotni aanaa Dodolaa armaan duras deggersa raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa jechuun miindaan isaanii ji’aan dhibbentaan irraa citaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Exit mobile version