Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba baha Oromiyaa godina Arsii lixaa aanaa Dodolaa keessatti murni aangoo impaayerattii harkaa qabu ilma keetu Waraana Bilisumma Oromoo keessa jira jechuun uummata nagaa dararuu jabeessee itti fufe

Kibba baha Oromiyaa godina Arsii lixaa aanaa Dodolaa keessatti murni aangoo impaayerattii harkaa qabu ilma keetu Waraana Bilisumma Oromoo keessa jira jechuun uummata nagaa dararuu jabeessee itti fufe.

ONM – ABO – Sadaasa 25, 2022 Kibba baha Oromiyaa godina Arsii lixaa aanaa Dodolaa keessatti namoota nagaa siyaasa kamuu keessa quba hin qabnee fi hojii hojjetanii ofii fi maatii isaanii jiraachisan maqaa Waraana Bilisumma Oromoo waliin hidhaata qabda jedhuun akkasumas ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhu itti maxansuun namoota nagaa yakka tokko hin qabne Oromummaan yakkuun baatiilee hedduuf buufata poolisii aanaa Dodolaa keessatti dararaa cimaa irraan ga’aa jiru.
Namoonni mana hidhaatti dararamaa jiran kunis aaddee Xayibaa Korree Waaqayyoo ganda Dannabaa irraa ilma keetu miseensa Waraana Bilisumma Oromooti jechuun kan hidhan yoo ta’u barsiisaa Qaasim Tusaa Amadoo WBO waliin hidhata qabda jechuun ilma isaa Naasiraddiin Qaasim Tusaa waliin bulchiinsa magaalaa Dodolaa ganda 02 qabanii mana hidhaatti dararaa jirachuu maddeen Arraata Biyyoollessa Oromiyaatti himaniiru. Akka maddeen jedhanitti barsiisaa Qaasiim Tusaa Amadoo baatii saddeet dura kan hidhamanii fi hanga ammaatti osoo manni murtii yeroo sadii bilisaan gadhiisee jiruu pooliisoonni bilxiginnaa ajaja mana murtii faalleessuun hidhaanii miindaas irraa kutuun rakkisaa jiru. Gocha gara jabeenyaa kaadiroonni murnichatti gadaa aangoo dheereefachuuf uummata nagaa irratti raawwachaa jiru teenyee ilaaluun badiinsi kana caalu akka dhufu taasisa waan ta’eef murna bilxiginnaa dararaa uummata Oromoon aangoo dheereffachuuf hojjetu falmaa tokkummaan goonu qofaan aangoo isaa irraa darbina jechuun ejjennoo uummata aaanichaa ifoomsaniiru.

Exit mobile version