Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sochiin warraaqsa Oromoo Baraaruu guutuu Oromiyaa keessatti adeemsifamaa ture marraa lammataa dhohuun kibba baha Oromiyaa keessatti eegale

Sochiin warraaqsa Oromoo Baraaruu guutuu Oromiyaa keessatti adeemsifamaa ture marraa lammataa dhohuun kibba baha Oromiyaa keessatti eegale.

ONM – ABO – Amajjii 6, 2023 Sochiin warraaqsaa ajjeechaa fi duguuggaa sanyii impaayerattii keessatti Oromoo irratti raawwatamaa jiru balaaleffatu, moggaasa maqaa Oromoo Baraaruu jedhuun eegalee Warraaqsa Oromoo bararuun guutuu Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, warraaqsi kun ammas bifa haaraatiin kibba baha Oromiyaa keessatti eegaluun dhagaa’ameera.

Kibba baha Oromiyaa godina Arsii lixaa fi Baalee lixaa aanota garaagaraa keessatti kaleessa jechuun Amajjii 5, 2023 marraa lammataa deebiyee dhowuu warraaqsa Oromoo Baraaruu kanaan wal qabatee, daandiin gurguddoon aanota godinichaa wal quunnamsiisan walta’iinsa qeerroo fi hawaasa naannichaatiin cufamaa kan ooleera.
Uggura daandii kanaan wal qabatees Arsii lixaa keessatti daandiiwwan aanaa Dodolaa, aanaa Adaabbaa fi aanaa Gadab Asaasaa keessatti argaman guutummaa guutuutti kan cufaman yoo ta’u, haaluma wal fakkaatuun Baalee Lixaa ganda Maqalaa dabalatee aanotni fi gandootni godinicha jalatti argaman daandii isaanii ugguruun Warraaqsa Oromoo Baraaruu kanatti hirmaataniiru.

Sochii warraaqsa Oromoo Baraaruu kanattis godinaalee fi aanaaleen Oromiyaa keessa jiran martii tokkummaa fi qindoominaan hirmaachuu qabu jechuun Qeerroowwan Bilisummaa Oromoo kibba baha Oromiyaa waamicha taasisanii jiru.

Exit mobile version