Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Wallaggaa Damee Shaambuu duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun lagannaa nyaataa geggeessan

Barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Wallaggaa Damee Shaambuu duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun lagannaa nyaataa geggeessan.

ONM-ABO Muddee 13, 2022 Waaamicha Warraaqsa Oromoo baraaruuf Dilbata darbe Muddee 11, 2022 Qeerroon Bilisummaa Oromoo waame bu’uura godhachuun barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Wallaggaa Damee Shaambuu lagannaa nyaataa geggeessuun saba isaanii waraana faashistii Abiy Ahimediin lafoo fi qilleensan akkasumas finxaaleyyii Amaaraan dhumaa jiraniif sagalee ta’aniiru.

Sochiin Warraaqsa Oromoo baraaruu kun guutuu Oromiyaa keessatti jabaatee akka itti fufu koreen qindeessituu warraaqsichaa himaa jiru.

Exit mobile version