Barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Samaraa duguugiinsa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun sagalee dhageessisan.
ONM-ABO Sadaasa 8, 2022 Duula Oromoo lafa irraa balleessuuf karoorfamee deggersa murna bilxiginnaan finxaaleyyii Amaaraa fi waraana faashistii Abiy Ahimediin geggeeffamaa jiru mormuun barattootni Yuunvarsiitii hiriira mormii geggeessan itti fufanii jiru.
Barattoonni Yuunvarsiitii Samaraa har’a ganama Muddee 8, 2022 naannoo mana nyaataa barattootaatti wal ga’uun nyaata dhiyaateef lagachuun mormii kan eegalan yoo ta’u achi keessaa ba’uunis gurmaa’anii dhaadannoolee deggersa Oromoo agarsiisan, gocha duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru mormanii fi murna bilxiginnaa akkasumas finxaaleyyii Amaaraa balaaleffatan dhageessisaa turaniiru.
Hiriira kanaan barattoonni Yuuniversiitii Samaraa kun daangaa lafaa osoo hin daangessin bakka jiranitti dhaadannoolee akka ajjeechaan Oromoo irraa haa dhaabbatu, Faannoon Oromiyaa keessaa haa ba’u, murni bilxiginnaa yakkamaa dha aangoo irraa nuuf haa bu’uu, Oromiyaan biyya, mirgi abbaa biyyuummaa keenya nuuf haa kabajamu, warraaqsi kun hanga bilisummaatti itti fufaa fi kanneen biroo hedduu hiriira kanaan kaasaniiru.
Warraaqsa guyyaa arfaaffaaf Oromoo fi Oromiyaa bararuuf geggeeffamaa jiru kanaatti barattoonni Yuuniversiitii Samaaraa hirmaachaa turan yeroo itti sagalee dhageessisaa turan kanatti waraanni murna bilxiginnaa uleen rukutuun addaan tamsaasanii jiru.
Erga barattoonni addaan bittinnaa’anis adamsanii qabaa jiraachuu barattoonni Yuunvarsiitii Samaraa kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

