Duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Booranaa hiriira ba’an.
ONM-ABO Muddee 8, 2022 Fixiinsa sanyii ija addunyaa duraa dhoksuun uummata Oromoo irratti waggoottan arfan darban murni bilxiginnaa raawwachaa jiru mormuun barattoonni Oromoo warraaqsa eegalan har’a Yuunvarsiitiin Booranaa itti makameera.
Muddee 8, 2022 barattoonni Yuunvarsiitii Booranaa dhumaatii saba isaanii irratti finxaaleyyii Amaaraa fi waraana murna bilxiginnaatiin lafoon akkasumas qilleensaan raawwachaa jiru mormuun sagalee isaanii dhaggeessisaa turaniiru.Mormi Oromoo Wallaggaatti cite morma keenya kan jedhan barattoonni kun miira xiiqiin guutameen lammii isaaniif jiraachuu agarsiisaa turaniiru.
Guyyaa har’a kana barattoonni kun nyaata lagachuun, barnoota dhaabuun, dhaadannoolee murna bilxiginnaa fi tumsitoota isaa balaaleffatan dhageessisuun murni bilxiginnaa yakkamaa waan ta’eef aangoo gadhiisuu qaba jedhaniiru.
Warraaqsi Oromoo bararuu fi uummata Oromoo akka galaanaatti irra dhangalaasuuf geggeeffamaa jiru kun saffisaan babal’achaa fuulduras hanga mirga abba biyyumma Oromoo kabachiisutti kan jabaatee itti fufu ta’uu barattootni moorichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

