Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Barattootni yuunvarsiitii Finfinnee duguggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun hiriira ba’an

Barattootni yuunvarsiitii Finfinnee duguggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun hiriira ba’an.
ONM-ABO Mudde 7, 2022
Balaaffannaan duguggaa sanyii waraana murna bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamaniin uummata Oromoo irratti raawwatu barattoota Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanaa keessaa barataniin itti fufee ooleera. Sochii barattootaa fi uummata Oromoo golee Oromiyaa mara irraa sirna gabroomfataa irratti adeemsisaa jiran ofitti fudhachuun kaleessa Muddee 6, 2022 barattoonni yuuniversiitii Finfinnee mooraa yuunivarsiitichi qabu hunda irraa gara mooraa kiiloo 6 tti walitti qabamuun ajjeechaa finxaleeyyiin amaaraa Oromiyaa keessatti raawwachaa jiranii fi haleellaa mootummaan bilxiginnaa diroonii gargaaramuun humna qilleensaan taasisee lammiilee nagaa kumaatamaan lafa irraa duguuga jiru balaalefachaa oolaniiru. Mormiin barattoonni mooraa kana keessatti taasisaa oolan dhimma manneetii barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti argamu keessatti finxaaleyyiin Amaaraa afaan Oromoon baratamuu hin qabu jechuun barattootaa fi barsiisota Oromoo irratti dhiibbaa taasisaa jiran balaaleffachuu kan ofitti hammate yoo ta’u hiriira kanaanis barattoonni moorichaa uummata bal’aa Oromoo birmannaa dhabee rasaasa weerartootaa fi qubattoota lafa Oromoon harcaa’aa jiraniif dhaadannoolee murna bilxiginnaa balaaleffatu dhageessisuun sagalee ta’aa oolaniiru. Akka maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa yuunvarsiitii Finfinnee jedhanitti barattoonni Oromoo warraaqsaa galaana uummata kan hanga mirga abba biyyumma Oromoo mirkana’utti geggeeffamuun taliigamnee roorroo saba keenya irratti aggaamamee geggeeffamaa jiru qolachuun saba keenya ni bararra jedhaniiru. Hirriirri balaaleffannaa fixiinsa sanyii Oromoo irratti geggeeffamaa jiru kun kaleessa Muddee 6, 2022 waaree booda magaalaa Gimbii keessatti itti fufuun galgala irraa yuunvarsiitii Jimmaa mooraa qonnaa keessatti geggeeffamaa turuu maddeen gabaasaniiru.

Exit mobile version