Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mormiin duguugiinsa sanyii Oromoo irratti taasifamu jiru mormuun barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Waachaamoo, Jiinkaa, mooraa Boqqojjii fi Buraayyuutti barattootni mana barumsa sadarkaa 2ffaa Dirree hiriira mormii geggeessan

Mormiin duguugiinsa sanyii Oromoo irratti taasifamu jiru mormuun barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Waachaamoo, Jiinkaa, mooraa Boqqojjii fi Buraayyuutti barattootni mana barumsa sadarkaa 2ffaa Dirree hiriira mormii geggeessan.

ONM-ABO Muddee 7, 2022 Dhumaatii daangaa darbe weerartootaa fi qubattoota lafa Oromol fi murna bilxiginnaan uummata Oromoo irratti waraana lafoo fi humna qilleensaan raawwatamaa jiru mormuun barattoonni yuuniversiitii hiriira mormii geggeessan itti fufanii jiru.

Haala kanaanis har’a ganama Muddee 7, 2022 mooraalee Yuuniversiitii Waachaamoo, Jiinkaa fi Yuunvarsiitii Arsii mooraa Boqojjii barattoonni Oromoo nyaata lagachuun diddaa gocha Oromoo irratti raawwachaa jiruuf qaban agarsiisanii jiru.

Akkasumas bulchiinsa magaalaa Buraayyuu mana barumsaa Dirree Sadarkaa 2ffaa keessattis barattoonni Oromoo mormii fixiinsa sanyii Oromoo cabsuuf geggeeffamaa jiru balaaleffataniiru.

Barattoonni yuunvarsiitilee kanaa dhaadannoolee ajjeechaan Oromoo irraa haa dhaabbatu, Faannoon Oromiyaa keessaa haa ba’u, murni bilxiginnaa yakkamaa dha aangoo irraa nuuf haa bu’uu fi hanga bilisummaan Oromoo mirkana’utti warraaqsichi itti fufuu qaba akkasumas uummatni Oromoo goleelee cufa irraa osoo wal qoodne itti hirmaachuu qaba jechuun sagalee isaanii dhageessisaa turaniiru.

Warraaqsi Oromoo bararuuf galaana uummata dammaqsuuf akka ka’umsaatti geggeeffamaa jiru kun jabaatee Warraaqsa Galaana Uummata impaayerattii raasuun qabsoo eegalamee jiru xumura itti taasisee uummata Oromoof mirga abbaa biyyuummaa akka kabachiisutti cimee fi tarsiimoon taaligamee itti fufuu akka qabu Qeerroon Bilisummaa Oromoo yuuniversiitiilee garaagaraa dhaamaniiru

Exit mobile version