Duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiruu ilaalchisuun barattootni yuunvarsiitii Jijjigaa, Salaalee fi barattootni magaalaa Wallisoo hiriira mormii geggeessan.
ONM-ABO Muddee 7, 2022 Dhumaatii sanyii Oromoo irratti aggaamamee finxaaleyyii Amaaraa fi waraana bilxiginnaan Oromiyaa cufa keessatti waraana lafoo fi humnaa qilleensaan taasifamaa jiru mormuun barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Jijjigaa, Salaalee fi mana Barumsaa bulchiinsa magaalaa Wallisoo Ifa Boruu jedhamuun mormii jabaan hiriiraan geggeeffamaa tureera.
Hiriira har’a ganama sodaachisa ergamtoota murna bilxiginnaa cansuun geggeeffameen barattootni yuuniversiitiiwwanii fi mana barnoota sadarkaa gadii kun dhaadannoolee deggersa saba Oromoo fi murni bilxiginnaa yakkamaa ta’u ibsuun aangoo akka gadhiisu gaafatu dhageessisaa turaniiru.
Warraaqsi Oromoo bararuuf geggeeffamaa jiru kun jabaatee itti fufee akka galaanaatti kosiiwwan Oromoo rakkisaan haxaa’ee akka darbuuf tokkummaan geggeeffamuu qaba jechuun kan dhaammatan barattoota Oromoo ti.

