ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2024
Egeree uummata Oromoos ta’e Oromiyaaf yaaddoo guddaa kan ta’e gareen maxxantoota PP mootummaa ofiin jechuun of waaman akkasuma warreen ulaagaa mootummaa hin guunnee fi uummatas bakka hin buune gochoonni isaan guyyuu afaan qawwee fayyadamuun hawaasa nagaa keessattuu qonnaan bulaa Oromoo irratti geggeessan kun uummatni akka ol hin jennee fi kufaatii hamaa kufan taasisaa jiru.
Waggootaa asitti qe’ee boo’ichaa fi gaddaa kan taasifatan akkasumas dirree saamichaa fi seer-dhablummaan keessatti dagaagsan keessaa godinaaleen Arsii lamaan tokko yoo ta’an, Onkoloolessa 12, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Martii magaalaa aanichaa Abboomsaa keessaa uummata maqaa sakkatta’insa maallaqaa kaasee hanga bilbila iddoo tokkotti sassaabuun harkaa saamanii jiraachuun beekameera.
Akkasumas namoota maqaan isaanii Tamaman Kadiroo fi Tolaa Jamaal dabalatee namoota hedduu hidhaatti darbachuun gidirsaa jiraachuunis beekamee jira.
Bifuma wal fakkaatuun Onkolooleessa 12, 2023 Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee fi Arsii Nageellee keessatti ergamtoonni bilxiginnaa biqiltuu mooraa isaanii keessatti argame hunda gibira kaffaluu qabdu ittiin jechuun manneen namoota qe’ee isaanii keessatti biqiltuu argan galmeeffachaa turuu jiraattotni himan.
Erga galmeeffatanii boodas guyyaa koottaa girbira isaa kaffalaa isiniin jenne dhuftanii kaffaltu jechuun akkeekkasiisanii yoo deeman, namoonni hedduunis cirree balleessina malee gibirri nuti mukaaf kaffallu hin jiru jechuun finciluu isaanii dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

