Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti lukkeeleen murna garboomfatoo impaayerattii manneen jiraattotaa jumlaan gubuun reebichas uummata irratti jabeessanii jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2024 

Faayidaa paartii isaa malee dantaa uummataa kabachiisee kan hin beekne murni ani mootummaa uummataati ofiin jedhu Bilxiginnaan aangoo qabutti fayyadamuun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa jalaa barbadeessaa jira.

Diiguu malee ijaaruu, saamuu malee gargaaruu, hidhuu malee hiikuu, akkasumas ajjeesuu malee du’a jalaa baraaruu kan hin beekne waraanni sirna dhableeyyiin impaayerattii duguuggaa sanyii abboonni isaanii Oromoota irratti raawwachaa turan dhaaluun dabaree isaanii ajaja dabaa mataa nafxanyootaa  kolonel Abiy Ahimediin golee Oromiyaa cufa keessatti bobbaafamuun dararaa hamtuu dhala namaaf hin malle Oromoo irratti geggeessaa jiraachuu jiraattoonni hadheeffatanii dubbatu.

Haaluma kanaan faashistoonni murni PP kun Onkoloolessa 3, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa ganda Heeban Laaqichaa jedhamu keessatti Manneen jiraattotaa jumlaan gubuun saamicha qabeenyaas kan raawwatan yommuu ta’u namoota irrattis reebicha raawwachuu maddeen ONM gabaasaniiru.

Namoota manni jalaa gubate keessaa muraasni kanneen maqaan nu ga’e: 

  1. Saada’oo Hirphoo, 
  2. Jaldoo Letee, 
  3. Galatoo Guyyee, 
  4. Didoo Guyyee fi 
  5. Ukaa Galgaloo kanneen jedhaman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Exit mobile version