ONM-ABO Muddee 28, 2024
Ilmaan Oromoo ajjeesuu, saamuu, hidhuu qe’ee irraa godaansisuu malee guyyaa tokkoof boqotee kan hin beekne bulchiinsi abbaa irree impaayera Itiyoophiyaa Bilxiginnaan nageenya uummataa burjaajessuun hawaasa nagaan mana isaa jiraatu goolaa oola.
Maqaa namoonni keessaa hin qabne itti maxxansuun adamsee hiraarsuu kan amaleeffate bulgichi murna PP gochoota diinummaa isaa ittuma fufuun dararaaf uummata saaxilaa jira.
Muddee 26, 2024 Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu irraa ba’uun aanaa Baachoo ganda Jaatoo keessatti nama maqaan isaa Obbo Urgeessaa Gabbisaa jedhamu abbaa maatii 3 kan ta’e jalaa maqaa Waarana Bilisummaa Oromoo nyaachifta jedhuun ganama sa’atii 12:00’n mana isaatti ajjeesuuf gaafa deeman lubbuu isaa baafachuuf manaa oggaa baqatu horii 5 fi farda tokko akkasumas gaarii tokko jalaa fudhatanii gara magaalaa Baantuutti deeman.
Qotee bulaan Oromoo qabeenyi isaa saamame kun nama siyaasa kam irraa bilisa ta’e yoo ta’u, ergamtootni bilxiginnaa immoo Oromummaa isaa qofaaf akka saaman jiraattoonni Onichaa ONM’tti himan.

